Mummicha Ministeera Abiyyi Ahimad Har’a Garee Raadiyoo Sagalee Amerikaa Simatanii Hasoofsisan

  • Jaallannee Gammadaa

Mummicha Ministeera Abiyyi Ahimad Har’a Garee Raadiyoo Sagalee Amerikaa Simatanii Hasoofsisan

Oduu gabaastoota Raadiyoo Sagalee Amerikaa kanneen Itiyoophiyaa, Ertraa, Somaaliyaa, Puntlaand fi Keniyaa keessa Finfinneetti walgahaniif leenjii torban tokkoo kennuuf gamasitti kan imalee garee VOA imaltuu isaa kana jimaata darbe xumuure.

Wiixata har’a ganama immoo Mummicha mInisteera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad waliin marii kan gaggeessan daayreekteera kutaa Afrikaa Obbo Nigusee Mangashaa fi Gulaaltuu olaantuu sagantaalee gaanfa Afrikaa kan taate Aaddee Tizitaa Balaachoo turan.

Marii kana irrattis waa’ee imaltuu gamasitti isaan geessee, waa’ee raadiyoon sagalee Amerikaa waajiira isaa Itiyoohiyaa keessatti banuuf karoorfachuu, waa’ee oduu gabaastoota dabalataaf ehama hojii mootummaan kennuu fi haala siyaasa biyyatti keessaa irratti dubbatan.

Raadiyoon sagalee Amerikaa gazexxesootaaf leenjii akkasii yeroo kennu gazexxesoota biyya keessaa ituu itti dabalee kan fedhan ta’u Dr. Abiyyi Ahmad ibsanii jiru.

Gaaffii fi deebii Tizitaa Balaachoo waliin gaggeeffame caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Mummicha Ministeera Abiyyi Ahimad Har’a Garee Raadiyoo Sagalee Amerikaa Simatanii Hasoofsisan