Walgahii Pirezdaantii Belaarus fi Raashiyaa

Prezidaantiin Belaaruus, Aleksaander Lukaasheenkoo, gita isaanii ka Raashiyaa,Vilaadmiir Puutiin waliin dubbachuuf hara gara magaalaa bashannanaa handaara Galaana Gurraachaa, Sochiitti imalanii jiran.

Filannoo wal-falmsiisaa baatii dabre keessa Beelaaruushitti geggeessamee fi Lukaashenkoon itti injifatanii booda, hoogganoonni lameen wal-ga’uun kun ka jalqabaa yoo tahu, marii kana irratti Lukaasheenkoon mootummaa Raashiyaa irraa deggersa cimaa akka gaafachuuf jiran tu eegama.

Filannoo mormitoonni dogeggorsame – jechuun himatan kana irrattii Lukaasheenkoon injifachuu isaanii eega labsatanii booda, kaleessa, magaalaa galma-mootummaa biyyattii – Minisk keessatti, yoo xiqqaate uummata kuma dhibba tokko tahu karaatti ba’ee hiriiruudhaan mormii dhageessise.