Xurree ittiin seenan

Breaking News

Morokoon Miseensummaa Gamtaa Afriikaatti Deebite


Mooticha Morokoo Mohaammad VI Gumii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaatan
Mooticha Morokoo Mohaammad VI Gumii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaatan

Gumiin hoogganoota biyyoota Afriikaa 28ffaan Kaleessa waaree booda waajjira haadhoo gamtaa Afriikaa ka Finfinnee jiru keessatti banamee jira.

Wal ga’iin sun ennaa banamu kanneen haasaa dhageessisan keessaa komiishina gamtichaa waggoota 4 fi walakkaaf geggeessaa kan turan Dr. Dilaamini Zuuma tokko turan.

Kan aangoo gad dhiisaa jiran Zuumaan haasaa baga nagaan dhuftanii isaan dhageessisan waluma gala bakka lamatti waan hirame fakkaata. Tokko rakkoo ardittii mudate yoo ta’u kaan immoo ba’ii gaarii argame ture.

Zuman akka jedhanitti barri 2017 Afriikaa qofaa utuu hin taane bubbee addunyaa mara raase kan keessatti ka’e.

Keessumaa prezidaantichi haaraan Ameerikaa Donaald Tiraaump torban darbe ajaja uggura baqattootaa isaan kennan ilaalchisee zuman akka jedhanitti sadarkaa addunyaatti yeroo bubbee hamaan itti ka’e keessa seenuun keenya ifaa dha. Fakkeenyaaf gurgurtaa garbootaa Atlaantikii gamatti geggeessamaa tureen ardii keenya keessaa biyyi lammiiwwan keenya hedduun itti guuraman irraa har’a biyyoota keenya adda addaa irraa kanneen baqatan lammiiwwan Afriikaa deebisuuf murteessitee jirti.

Kana maal gochuu qabna. Kun wal gargaarsaa fi tokkummaa keenya akkaan qormaata keessa kan galchu keessaa tokko jedhan.

Morocco bara 1984 keessa gamtaan Afriikaa Sahara gama dhiyaa kan Moroccon qabiyyee koo ti jechuun falmaa turte walabummaa isheef beekkannaa kennuun miseensa gamtichaa godhee booda Morocoon miseensommaa keessaa baate.

Biyyoota miseensa gamtichaa ta’an 54 keessaa 39 sochii deebi’uu biyyattii simatanii jiran. Falmiin jiru garuu hin furamiin jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Morokoon Miseensummaa Gamtaa Afriikaatti Deebite
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:58 0:00

XS
SM
MD
LG