Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyya keessaa fi alalleetti nama hedduutti Oromoo hiriira mormii irratti lubbuu dhabaniif gadduuf mataa haadate wayaa gurraattiillee naqate


Lattuu Kumarraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:15 0:00

Itti gaafatamtootii paartii siyaasaa Oromoo, obboo Beqqelee Garbaa faatii fi miilotii isaanii mana hidhaa Qilixoo,Itoophiyaa jiran akka ummatii, Oromoota hiriira mormii irrattii fi dubbii suniin wal qabatteen lubbuu dhaban qaabachuu fi maatii isaaniillee jajjabeessuuf gaddaa guyyaa sadii labsan.

Gaddaa kana mataa haadachuu fi wayyaa gurraattii naqachuun itti jiran.

Obboo Wondimmuu Ibsaa,ka nama Oromoo hidhame hedduu abukaatoo tahee hojjatu akkana jedhee VOA-tti hime. “Kan jedhanii labsan,raawwii amma mootummaan Itiyoophiyaa kun ummata Oromoo irrattis tahe kan hiriira mormii karaa nagaatiin bahanii gaafatan irratti ajjeechaa,tumaa akkasunaam hacuuccaa taasisuu…manoota hajaja mana murtii malee barabbaruun mootummaan raawwatamu kana mormuuf labsan.”

Jarii obboo Beqqelee fa waliin hidhame ka obboo Wondimmuun seeraan gargaaru akka innii jedhutti 90 caalaattu yaada kana fudhate. “Mataa haadatanii gadda isaanii labsan,” jedha.

Tana maleellee,“ijoolleen ani maamila taheef kan ‘ijoollee Boolee-Bulbulaa’ jedhamu gara nama 33 oliitiitii isaan sun walakkaa oli haadatan.

Obboo Beqqelee faan mataa haadatanillee mana hidhaa keessatti wayaa gurraatti naqachuu dhowwamuu isaanii maatii fi war achi dhaqee gale irraa dhagahee jedha obboo Wondimmuun.

“Kan Boolee,akkasumas ijoollee Amboo dhaqee argee haadataniiru.”

Aaddee Lattuu Kumarraa
Aaddee Lattuu Kumarraa

​Lattuu Kumarraa haadha ijoolee sadiitii Bergen Noorweey jiraatti, “Gadda natti dhagahame yeroo baayyee karaa ibsahuun yaadaa turee.Amma kunoo carraa kanaan saba koo nuuf jedhanii waregaman yaadachuu fi isaan waliin dhaabachuuf haadadhe,”jetti.

Kamaal Aloo Garbichaa Afirkaa Kibbaa jiraata. “Mataa haadannee, kofoo gurraachaa naqannee karaa maatii namii iraa lubbuu dhabe gaafannuun mari’achuuf walgahaii deemaa jirra.”Artisti Saaliyaa Saamiilleen dubartoota mataa haadatanii mormiitti jiran keessaa tokko.

Weellistuu Saaliyaa Saamii
Weellistuu Saaliyaa Saamii

Akkunma kanaan Oromootii biyya alaa jiraa mataa isaanii haadatanii, wayaa gurraattii naqatanii,mallattii mormii Oromoo agarsiisaa Socila media hedduu irraa mullatan. Weellisaa Abdii Nuuressaa, Virjiiniyaa Amerikaa jiraata.

Weellisaa Abdii Nuuressaa
Weellisaa Abdii Nuuressaa

"Ijoollee hiriyoota kiyyaa walti dhufnee mana kiyyatti mataa haadanne haadanne.Warri biyya jiru carraa kana baayyee hin qabanii nuun biyya alaa jirruu bulchoota keenna dhageennee haadachu qabana,”jedha Abdiin.

XS
SM
MD
LG