Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Murtii Itoophiyaa:  Murtii Kennuuf Yeroo Dabalataa Nu Barbaachisa


Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa
Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa

Addisuu Bullaallaa:Bellamaan Nu Deddeebisuu Mannaa Gaafa Xumurtan Nu Waamaa

Manni Murtii olaanaa Federaalaa kan Lidataa dhaddachii arfaffaan har’a hogganoota sadarkaa olaanaan Kongreesa Federaalawaa Oromoo irratti jala murtii silaa har’a kennuuf ture ammasa bellamaan dabarsee jira.Sababaan kennees jala murtii kennamuu barreessuu kan eegale ta’uus ragaalee bifa adda addaan dhiyaatan hundumaa keessa ilaalee xumuruuf yeroon dabalataa na barbaachisa jedha.

Himatamtoota keessaa tokko kan ta’e Obbo Addisuu Bullaallaa mana murtii akka gaafateetti yeroo yerootti bellama jijjiruun nus ta’e maatiwwan keenya mana murtii dura dhaabuu fi deddebisuu manna gaafa hojjattanii xumurtan nu waamuu keessan wayya jedhee jira.Manni murtiis carraaqqii danda’ame mara gochuun xumurra jechuun Waxabajjii 16 bara 2017 bellama kennee jira.

Gama kaaniin himatamtoonni ka biroon 13 haaraa har’a dhaddacha 19ffaa duratti dhiyaachuun ibsamee jira.Himannaa irratti dhiyaatees kan shoroorkeessummaa ta’uun ibsamee jira.Isaan kun himannaan tokko irratti ituu hin dhiyaatiin baatii sagaliif hidhaa keessa kan turan ta’uu fi kunis faallaa labsii fi seera biyyattii ta’u abukaatoon isaanii dubbatanii jiru.

Addisuu Bullaallaa:Bellamaan Nu Deddeebisuu Mannaa Gaafa Xumurtan Nu Waamaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:46 0:00

XS
SM
MD
LG