Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embasiin Amerikaa Finfinnee Jiru Diivii ( DV) kan Ilaaleen Ibsa Kennee Jira


Galmeessi Diivii (DV) Lotorii Kibxata fuul-dura keenyaa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Fulbaana 23 bara 2010 ykn Onkolooleessa 3 bara 2017 akka jalqabamuu Embaasiin Ameerikaa ka Finfinnee jiru beeksisee jira. Yeroon galmeessa Diivii bara 2019 ennaa labsame kanatti lakkoobsi godaantota bara kana Ameerikaa seenanii meeqa akka tahu mariii fi wal-falmiin itti fufee jira. Hireen Diivii Lotorii gara fuul-duraa maal akka tahu dubbachuuf amma yeroo isaa miti jedhu dubbi-himaan Embaasichaa.

Biyyoota sagantaa Diivii kan bara 2019f ulaagaa guutan keessaa tokko Itiyoophiyaan tokko ta’u ibsamee jira.Vizaa argachuuf kanneen iyyannoo galfachuu fedhan sadarkaa barnootaa fi muxanno hojii ka’aman guutuu akka qaban akkasumas qajeelfama ka’aman of-eggannoon dubbisuu qabu jedha Embaasiin Amerikaa Finfinnee Keessa jiru.

Waluumaa gala jijjirama imaammataa ta’u maluu hin tilmaamnu kan jedhu Embaasiin Amerikaa kun waan kongresaan murtaa’uu ykn raggaasifamuu ta’a jedha.

Somaalilaandi keessaa Oromoo kuma hedduu baqachiisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:03 0:00

XS
SM
MD
LG