Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buufata Baqataatii gara Kaardif Yuuniversitiitti – Seenaa Dargaggoo Elemoo Jaakoob Seeroo


Elemoon ‘buufata baqataa keesatti guddachuun baayyee ulfaatu ta’us, maatii barnoota jaalatu keessaa dhalachuun koo sana keessa cimee akkan darbu na taasiseera’ jedha. 
Elemoon ‘buufata baqataa keesatti guddachuun baayyee ulfaatu ta’us, maatii barnoota jaalatu keessaa dhalachuun koo sana keessa cimee akkan darbu na taasiseera’ jedha. 

Kan inni dhalate Arsii Nageelletti; abbaan isaas biyyatti hojiin isaanii barsiisaa turan; bara 2001 maatiin isaa Arsii Negeellee dhaa gara Keeniyaatti yoo baqatan daa’ima ganna tokkoo ta’ee jiruu baqaa keessatti guddate.

Sana boodas barnoota isaa buufata baqattootaa keessatti jalqabee ka sadarkaa tokkoffaa qabxii gaariin waan xumureef Dhaabbati gargaarsaa Jesuit Refugee Service carraa barnoota sadarkaa lammaffaa isaaf mijeesse.

Sanaanis haga bara 2015tti utuu barataa jiruu maatiin isaa carraadhaan gara Ingiliz dhaqan, daa’imti barumsaaf fedhii addaa qabu kun yoo maatiin Ingiliz gahanus, barnoota sadarkaa olaanoof dorgomee qabxii gaarii waan galmeessiseef carraa Barnootaa Yuuniversiti Kaardif’tti argate. Kun Seenaa Elemoo Jaakoob Seerooti

Elemoon ‘buufata baqataa keesatti guddachuun baayyee ulfaatu ta’us, maatii barnoota jaalatu keessaa dhalachuun koo sana keessa cimee akkan darbu na taasiseera’ jedha.

Obboloota Elemoo keessaa sadii amma barnoota sadarkaa olaanaa hordofuutitti jiru. Quxubaa Jaakoob obboleettiin hangafa Elemoo, ‘Elemoon uumamaan kennaa dafee waa baruu akka qabu’ dubbatti.

Gabaasaan VOA Naayiroobii Galmoo Daawit turtii isaa waliin taasise irraa qophii itti aanu nuuf ergeera .

Buufata Baqataatii gara Kaardif Yuuniversitiitti – Seenaa Dargaggoo Elemoo Jaakoob Seeroo
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:07 0:00

XS
SM
MD
LG