Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wixineen Seeraa 128 Ragaasifamuun Hawaasa Gammachiise. Mootumman Itoophiyaa Murtii Darbe Balaaleffateera


Itiyoophiyaa keessatti mirgawwan dhala-namaa akka kabajamanii fi ol’aantummaan seeraa akka jiraatu jajjabeessuuf qabiyyee jedhu kan of-keessaa qabu, Wixineen seeraa Yunaayitid Isteets HR 128 jedhamu, kongiresii yokaan mana-maree bakka-bu’ootaatti dhihaatee, kaleessa sagalee guutuun dabree jira.

Kan wixinee seeraa kana dhiheessan bakka-bu’aan uummataa Kiris Ismiiz fi aangawoonni ka biroon, murtiin kun fudhatamuutti gammaduu isaanii ibsanii, waa’ee uummata Itiyoophiyaa akka dhimmaman dubbatan.

Uuumatni akka wixineen seeraa kun milkaa’u falmaa turanis, bakka sanatti argamuun gammachuu isaanii ibsan.

Gama biraatiin immoo mootummaan Itiyoophiyaa, “murtiin kun ka yeroo isaa eege miti. Ka tahuu hin malles,” jechuun deebii kenne.

Gabaasni guutun kinooti

Wixineen Seeraa 128 Ragaasifamuun Hawaasa Gammachiise. Mootumman Itoophiyaa Murtii Darbe Balaaleffateera
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:04 0:00

XS
SM
MD
LG