Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiirama Argame Dhaabsisuuf Yaaliin Ta’u Fedhii Duwwaa Waan Tokko Of Keessaa Hin Qabne Dha: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimad


Jijjiirama Itiyoophiyaa keessatti argame dhaabsisuuf yaaliin ta’an fedhii duwwaa ta’e dha jechuun muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad dubbatan.

Dr. Abiy kana kan dubbatan bajata bara 2011 raggaasisuuf ibsa paarlaamaa keesatti kennan irratti ture.

Miseensonni paarlaamaas bajata kana kan ilaaleen gaaffii kan dhiyeessan yo ta’u gaaffilee kanaaf deebii kennaa utuu jiranii ture jijjiirama argame gufachiisuuf yaalii ta’aa jiru kan maqaa dha’an.

Muummichi ministeerichaa akka jedhanitti yaaliin ta’u asis achis jiru. Garuu eessa iyyuu hin ga’an. Mootummaan tokko tokkoon kan isaan beekuu fi karaatti hambisu ta’a. Fedhii duwwaa malee jijjiirama walii galaa kan dhaabuu danda’an miti jedhan.

Jijjiirama Argame Dhaabsisuuf Yaaliin Ta’u Fedhii Duwwaa Waan Tokko Of Keessaa Hin Qabne Dha: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimad
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:57 0:00

XS
SM
MD
LG