Xurree ittiin seenan

Breaking News

''Mucaan kiyya waan nyaatu dhabee beelahe firii barbaacha muka kore irraa lafa dhahee du'e''


Qubattoni wagga sagal dura Godinoota Harargee irra buqa'anii Godina Bunnoo Baddalee Aanaa Dhedheesaa qubatan
Qubattoni wagga sagal dura Godinoota Harargee irra buqa'anii Godina Bunnoo Baddalee Aanaa Dhedheesaa qubatan

Qubattoni wagga sagal dura Godinoota Harargee irra buqa'anii Godina Bunnoo Baddalee Aanaa Dhedheesaa qubatan lafti irratti qubsifaman caffee fi kan qonaaf hin taane ta'uu isaan wal qabatee rakkoo beelaaf saaxilamuun ilmaan keena nu jalaa du'an jedhu.

Qubatooni kuniin yaroo jalqaba bakka Dooyyo jedhamutti kan qubsiifaman yoo ta'uu lafa kana irraa turtii waggaa sagalii keessatti midhaan homaatu irraa oomishachuu hin dandeene jedhan.

Qubattooni kuniin yaroo amma gama kuma sagalatti akka tilmaamaman kan ibsame yoo ta'uu haalli jiruu ganda Dooyyoo nutti hamaanaan godaansa irraa godaansa biraatiif saaxilamnee magaala aanaa Dhedheessaa Dambiitti galle jedhan. Bakka qubsumaa daangaa magaalaa Dambii bakka amma jiran kanattis rakkoo nyaata dhugaati akka qabanii fi qubsumni isaanis akka mijata hin ta'in dubbatu.

Qubattoni wagga sagal dura Godinoota Harargee irra buqa'anii Godina Bunnoo Baddalee Aanaa Dhedheesaa qubatan
Qubattoni wagga sagal dura Godinoota Harargee irra buqa'anii Godina Bunnoo Baddalee Aanaa Dhedheesaa qubatan

Keessaayyu hanqina nyaataa mudateen wal qabatee nmooni heddun du'uu isaani himu. Bulchiinsi aanaa Dhesheessaa rakkoo qubattooni keessa jiran kana kan beekuu fi dhugaa ta'uu isaa kan ibsu yoo ta'u fala isaafis waan humna isaani akka hojjataa jiran dubbata. Wajjira ODP Aanaa Dhedheesaatti Itti gaafatamaan Ijaarsa Siyaasaaf Baadiyaa Obboo Musxafaa Jabal namoota kaniin bakka mijataatti qubsiisuuf Godina Walagga Bahaa naannoo Heebantuutti qubsiisuuf hojjatama jira jedhu.

Qubattoni wagga sagal dura Godinoota Harargee irra buqa'anii Godina Bunnoo Baddalee Aanaa Dhedheesaa qubatan
Qubattoni wagga sagal dura Godinoota Harargee irra buqa'anii Godina Bunnoo Baddalee Aanaa Dhedheesaa qubatan

Komishiniin Sodaa Balaa Oromiyaa komii qubatooni sababa hanqina nyaataan namni du'ee jira jedhan kan haalu yoo ta'uu rakkoon midhaan gargaarsaa yaroon dhaqabuu dhabuu sababa fageenya karaa fi rakkoo daandiin wal qabatee hanqini mudataa turuu kaasanii jiru. Rakkoo qubatoota kanaa bu'uuraan furuuf sadarkaa Naannootti Biroon Qonnaa, Komishiinii Sodaa Balaa fi Wajjiri Lafaa waliin ta'uun qindoominaan hojjachaa jiraachuu isaa fi dhiheenya kana keessatti kan qubsiifaman ta'uu Itti gaafatamaan Kominikeeshinii Komishiini Sodaa Balaa Oromiyaa Obboo Girmaa Wataree Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

''Mucaan kiyya waan nyaatu dhabee beelahe firii barbaacha muka kore irraa lafa dhahee du'e''
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:46 0:00

XS
SM
MD
LG