Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Warraa fi Haatii Warraa Waggaa kudhan Hidhaa Keessa Turanii Ba’an Maal Jedhu ?


Faayilii - Mana hidhaa Maa'ikelaawii
Faayilii - Mana hidhaa Maa'ikelaawii

Obbo Girmaa Raggaasaa fi Aaddee Urgee Abbabaa gaa’iila dhaabbtanii mucayyoo waggaa lama hin guunne of-harkaa qabu yeroo jalqaba to’annaa mootummaa jala oolan. Yeroo sana Aaddee Urgeen mucaa waliin Maakalaawitti hidhaman. Daa’iimii kun baatii lamaaf mana hidhaa Maakalaawii keessa eega turtee booda mootummaan mucaa harkaa fudhe.

Obbo Girmaan haati warraa mucaa wajjin eega qabamanii guyyaa tokko booda to’annaa jala oolan. Himata adda addaa irratti dhiyaata turee sana booda Obbo Girmaan hidhaa umrii guutuun Aaddee Urgeen adaba du’aatu irratti muramee.

Garu jijjirama biyya keessatti argameen lameenuu hidhaa waggaa kushanii booda gadhiifaman. Intala isaaniis dhaabbata guddisuu harkaa deeffatanii waliin jiraataa jiran.

Kanneen hidhamtoota dararanii fi dhittaa mirga namoomaa geesisaa jiran irratti tarkaanfii fudhatamaa jiru irratti yaada kennatan qau.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:14 0:00

XS
SM
MD
LG