Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Hidhaa magaalaa Jigjigaa Keessaa Robotii Nama Tumuu fi Barcuuma Elektikaa Irraatti Nama Dararan Qaba:Hidhamtoota Keessaa Tokko


Jeel Ogaaden
Jeel Ogaaden

Oromoota magaalaa Jigjigaa keessatti hidhamanii turan keessaa tokko abbaa ijoollee torbaa fi jiraataa magaalaa Dirree Dawaa ka ta’an Sheek Jamaal Aliyyii Abdullaa tokko.

Magaalaa Jigjigaa keessa mannen hidhaa jiran keessaa beekamoon Jeel Ogaaden, Amiraa, Gobalkaa fi Haavaanaa ykn Guwantaanaamoo kanneen jedhamn ta’u kan ibsan Sheek Jamaal Aliyyii ofii isaanii baatii lamaaf manneen hidhaa gandaa kaasee bakka adda addaatti hidhamuu isaanii dubbatu.

Sheik Jamaal abba ijoollee torbaa fi Dirree Dawaa fi Finfinnee keessa jiraatu.Daldalaa waan ta’aniif ituu karaa deemanii Jigjigaa keessaa ABO dha jedhanii na qaban jedhu.

Dararaa guddaan kan irra ga’e mana hidhaa “Haavaanaa ykn Guwantaanaamoo” jedhamu keessatti akka ta’e ibsan.Dararaan nu irratti rawwatame jedhan dhaga’uuf sukaneessaa barreessuuf safuu cabsuu haalli itti ta’u ni jira.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddrri Yunaaytid Isteets Maaykil Renar Robii kaleessa mana hidhaa magaalaa Jigjigaa gama Kaaba bahaatti argamu “Jeel Ogaaden” jedhamu daw’atanii turan. Gochii sukaneessaan achii keessatti gaggeeffamaa ture afaaniin dubbachuuf kan ulfaatu fi sukaneessaa ture jedhan.

Gaaffii fi deebii Sheek Jamaal Aliyyii Abdullaa waliin Gaggeeffame Caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:23 0:00

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:54 0:00

XS
SM
MD
LG