Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishiniin Poolisii Oromiyaa Najjootti Ajjeechaa Dheengadda Kan Raawwate ABO Shanee Dha Jedhe


Komishiniin poolisii Oromiyaa dheengadda Najjootti namoota nagaa shan irratti ajjeechaa kan raawwate ABO shanee dha jedhe.

Komishinichi namootni kunneen kan ajjeefaman harcaatuu ABO Shanee waamicha abbootii gadaa fi jaarsolii biyyaa hin simanneeni jechuun sab-quunnamtii naannichaatti himeera.

Namoota ajjeefaman keessaa sadii lammii itoophiyaa yoo tahan lama ammoo lammiilee biyya alaati.

ABOn erga abbootiin gadaa ergama hidhattoota WBO duraanii nagaan hiiksisuun kaampii leenjiitti galchuu fudhatanii eegalee quunnamtiin isaan faana jiru adda cituu ibseera.

Qaamni namoota kannneen ajjeese eenyus tahu ni balaaleffanna jedheera.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:28 0:00

XS
SM
MD
LG