Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Bilisummaa fi Dimookiraasiin Addunyaarraa Gad-adeemaa jira"


Kan as Yunaayitid Isteetis keessa maadheffate, dhaabbatni “Freedom House” jedhamu haala qabinsa bilisummaa dimookiraasii biyyoota addunyaa ka bara 2019 irratti gabaasaa waggaa baase kana keessatti, “bilisummaa fi dimookiraasiin biyyoota addunyaa irraa gad adeemaa jira,” Jedha.

Hiriirtota Hong Kong irratti tarkaanfiin mootummaan Chaayinaa fudhate jalqabaa, Iraan keessatti uummata jijjiirama barbaadu irratti hookkara geggeessame eeruudhaan mootummoonni aangoo isaanii jabeeffachuuf tarkaafiilee akkanaa ka fudhatan ta’uu eere – gabaasichi. Biyyoota dimookiraasiin guddatan jedhaman keessattillee gochaan sammuu nama jeequ akka mumula’tu dubbata.

“Freedom House”tti, Prezidaantii itti-aantuun dame Qorannoo fi Xiinxalaa Saaraa Rappuuchii, “Dimookiraasiin haala rakkisaa keessa jira,” jedhu. Caqasaa.

Bilisummaa fi Dimookiraasiin Addunyaarraa Gad-adeemaa jira, Jedha Gabaasaan Sadarkaa Addunyaa Haarawa Bahe
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:57 0:00


XS
SM
MD
LG