Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boorana, Yaa’a Ballootti Laaboraatiin COVID – 19 Hojii Jalqabee Jira; Guyyaatti Saamuda 288 Qorachuu Danda’a


Godina Boorana magaalaa Yaa’a Ballotti Laaboraatoriin warra dhibee Kooronaan qabame itti adda baasan hojii jalqabee jira. Moluu Diimaa Itti Aanaan Qajeelcha Fayyaa Godina Booranaa VOA’f laaboraatooriin kun guyyaatti saamuda 288 qorachuu danda’aa jedhan. Dabalaniis waa’ee laaboraatoorii kanaa yoo ibsan, Yaa’a Ballotti wanni kun banamuun saamuda namoota dhibee Kanaan shakkinee duraan fuunee gara Adaamaa geessaa turre nu furaa jedhan.

Boorana, Yaa’a Ballootti Laaboraatiin COVID – 19 Hojii Jalqabee Jira; Guyyaatti Saamuda 288 Qorachuu Danda’a
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:08 0:00

Laaboraatoorri kun Magaala yaaballootti laaboraatorii beeyladaa ka duraan turetti meeshaa fi kutaan dabalataa, sadarkaan qulqullinaa haarawis qophaayeefii fooyya’ee hojii jalqabe ka jedhan Obbo Moluun, haga yoonaas saamuda 33 laaboraatorii kanatti ilaalameera jechuun VOA’f ibsan.

Obbo Moluu Diimaa Laaboraatoorii kanaaf humna namaa dabalatee waanti kaan guutameefii jiraa jedhan. Ammaaf hojjettoonni Ministeerri Fayyaa gulantaa dandeettii isaanii madaalee adda baase lama hojii laaboraatoorii kana gaggeessaa jiraachuu himanii fuulduraaf ammoo humna namaa laaboraatoorii kana keessa hojjetu gara nama jahaatti ol butuuf itti jirraa jedhu.

Obbo Moluu Laaboraatoorii kana hospitaala Mooyyale jiru keessatti sababa hin dhaabamneef yoo ibsan, meeshaan laaboraatoorii beeyladaa magaalaa Yaa’a Balloo jiru dhimma kanaaf akka oolu waan ta’eef jechuun deebisan.

Dookter Alii Galgaloo Meedikaal Diirekteriin Hospitaala Mooyyalees Laaboraatooriin kun hojii jalqabuun hojii nuuf salphisaa jedhan. Keessumaa godaantonni seeraan alaa biyyoota ollaarraa gara biyyaatti deebifamaa jiran qorannaa waan barbaadaniif kun oduu dansa jedhu.

Dr. Aliin Godinni Booranaa daangaarra waan jiruuf godina dhibee kanaaf saaxilameedha jechuun ibsanii, keessummaa warra daangaa qaxxaamuree gara biyyaatti deebiwu dafanii qorachuuf barbaachisa ta’uu eeran. Ji’aan duras jiraataan godina Booranaa ka dhibeen Kooronaa irratti ergame Hospitaala Mooyyalee keessa akka ture yaadachuun, amma garuu nami kun yaalli taasifameefii dhibee kanarraa fayyee manasaatti galeera jedhan. Akka Dr. Aliin jedhanitti saamudi dhumaa namicha dhibee Kanaan qabamee hospitaala Mooyyale ture Yaa’a Ballotti gaggeeffame.

Dr. Ali fi obbo Moluun kanaan dura Saamudi Mmooyalee fuudhamee Adaamaatti ilaalamu sirumaa badaa akka ture eeranii, amma jiraattonni naannoo meeshaa kanatti dhimmi bahuun akka of qorachiisan dhukkuba kanarraas akka of eegan yaadachiisanii jiru.

XS
SM
MD
LG