Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa Irratti Guyyaa Tokkotti Namnii 183,000 Dhukkuba Koviid-19 Haaraa Qabaman: WHO


Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa kana kan gabaasee Dilbata Waxabajjii 21 bara 2020 yoo ta'u weerarrii vaayrasii Koronaa erga jalqabee as kun guyyaatti isa galmaa'aa ture keessaaa guddicha jedhee jira.

Kanneen keessaa 116,000 biyyoota Amerikaa kaabaa, kibbaa fi waaltaa keessatti argamu.Kanneen hafan 16,000 biyyoota addunyaa kanneen biroo keessaa ta'uun ibsamee jiran.

Addunyaa irratti namnii 55,000 kan haaraa Koviidiin jalaa qabamee Braaziil dursaa kan jirtu yoo ta'u Yunaaytid Isteetes kan haaraa qabaman 36,000 qabaachuun lamaffaa Hindiin kan haaraa qabaman 15,000 qabaachuun 3ffaa irra jirti.

XS
SM
MD
LG