Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Liibiyaa Kaayiroon Waraanaan Jidduu Akka Seenu Eeyamus Tokkummaan Mootummootaa Tattaaffii Araaraa Akka Itti Fufus Gaafateera


Mootummoota Liibiyaa diina walii ta’an lamaanii fi deggertoota isaanii sadarkaa addunyaa gidduutti muddamni hammaatee ennaa jiru kanatti paarlaamaan Liibiyaa gama bahaa keessa maadheffate yoo nageenya biyyattiif sodaachisaa ta’e Masriin waraanaan jidduu akka seentu raggaasisee jira. Gama biraan dub himaan paarlaamichaa tokkummaan mootummootaa tattaaffii jaarsummaan jidduu seenu akka itti fufu gaafataniiru.

Sabaa himaan araba viidiyoo milishoonni loltoota Siiriyaa naannoo Tripooliitti leenjifamaa jiraachuu mul’ise. Turkiin immoo mootummaa tokkummaa mootummootaan deggeramu kan muummicha ministeeraa Fayez al Sarraj deggeruuf loltoota gamasitti ergite jedhama.

Paarlaamaan Liibiyaa gama bahaa keessa maadheffae Wixata kaleessaa galgala ibsa baaaseen Masriin yoo barbaachisaa ta’e mootummaa mormituu kan Abdallah al Thini Beidaa keessa jiru waraanaan akka gidduu seentu raggaasisiee jira. Sababiin isaas jedha paarlamaan kun Turkiin abbaa biyyummaa Liibiyaa tuquu dhaan jidduu seenuun isee ifa gala waan ta’eef jecha.

Paarlaamaan Liibiyaa Kaayiroon Waraanaan Jidduu Akka Seenu Eeyamus Tokkummaan Mootummootaa Tattaaffii Araaraa Akka Itti Fufus Gaafateera
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:40 0:00


XS
SM
MD
LG