Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haala Hidha Laga Abbayyaatti Bishaaniin Guutumuu Hordofaa Jirra: Tokkummaa Mootummootaa


Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Stephane Dujarric haala hidhi laga Abbayyaa bishaaniin guutuamu ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef deebii kannenii jiran.

Ministeerri dhimmi bishaanii Itiyoopiyaa akka jedhanitti hidhi laga Abbayyaa bishaan kan kuuseef haala uumamaani. Mariin dhiyeenya biyyoota sadan gidduutti geggeessames baii malee xumurame. Kana ilaalchisuun yaadi barreessaa duree tokkummootaa maal akka ta’e dubbi himaan kun gaafatamaniiru.

Deebii kennaniinis marii kana hordofaa jirra. Mariin kunis hoogganoota Masrii, Itiyoopiyaa fi Sudaaniif barbaachisaa dha kan jedhan dubbi himaan kun biyyoonni kun adda addummaa gidduu isaanii furanii uummata isaanii kanneen jireenyi isaanii laga kana irratti hirkateef walii galtee irra akka ga’an gochuuf riqicha ta’uu itti fufna jedhan.

Qooda prezidaantiin Afriikaa kibbaa Cyril Ramafoosaa qaamotii kana walitti fiduuf qaban illee ni galateeffanna jedhan. Itiyoopiyaan utuu mariin kun amma iyyuu geggeessamaa jiru hidha kana bishaniin guutuu dhiisun isee barbaachisaa dhaa isa jedhuufis deebii kennaniin hamma nuti beeknutti rooba yandootu roobe.

Sirriitti maal akka ta’e hubachuuf mariitu geggesamaa jira jedhan. Waan barbaachisaan biyyoonni sadan furmaata sirrii uummata ofii fayyadu barbaaduu qabu jedhan. Lagi Abbayyaa madda waa hedduu kan martinuu fuula duratti adeemuun bifa danda’amuun irratti walii galuu qaban jechuu dhaan dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Stefin Dujaarik ibsanii jiran.

XS
SM
MD
LG