Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marroo Dirribaa: ‘Mootummaan Yakka Ajjeechaa Artist Haacaaluu Irratti Raaw’ate Aguuguuf Jecha Gara Keenyaatti Quba Qabaa Jira’ 


Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa “Jaal Marroo” jedhamuun beekaman, Kumsaa Dirribaa
Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa “Jaal Marroo” jedhamuun beekaman, Kumsaa Dirribaa

Maqaa “Jaal Marroo” jedhamuun ka bal’inaan beekamaan hoogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa, Obbo Kumsaa Dirribaa, “ WBOn zoonii Lixaa, ajjeechaa artistii beekamaa Haacaaluu Hundeessaa irratti raaw’atame dudduuba jira”, jechuundhaan ka mootummaan balaaleffate, “dhara” jechuun fudhatama dhorkatanii jiru.

Gaaffii fi deebii addatti Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, “ajjeechaa Hacaaluu irratti raaw’atameef itti gaafatamaan mootummaa dha. Yakka hojjete ittiin aguuguuf jecha, quba isaa gara keenyatti qabaa jira,” jedhan. Hooggantuun Waajira Abbaa-alangaa muummichaa Itiyoophiyaa, Aadde Adaanech Abeebee, jalqaba torban kanaa irra gaaffii fi deebii akkasuma VOAf kennaniin, “akka WBOn ajjeechaa sana duuba jiru kan agarsiisu, ragaa ergaa bilbila Haacaaluu irratti ergamee harkaa qabna,” jedhanii turan.

Gaaffii fi deebii “Marroo” yokaan Kumsaa Dirribaa waliin geggeessine:

Kutaa 1ffaa:

Marroo Dirribaa: ‘Mootummaan Yakka Ajjeechaa Artist Haacaaluu Irratti Raaw’ate Aguuguuf Jecha Gara Keenyaatti Quba Qabaa Jira’
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:31 0:00

Kutaa 2ffaa:

Marroo Dirribaa: ‘Mootummaan Yakka Ajjeechaa Artist Haacaaluu Irratti Raaw’ate Aguuguuf Jecha Gara Keenyaatti Quba Qabaa Jira’
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:20 0:00



XS
SM
MD
LG