Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artistoota Oromoo Jajjabeessuf Sirni Badhaasa “Odaa Award” Jedhamu Geggeeffame

  • Tuujubee Horaa

Bu’uursituu dhaaba badhaasa "Oda Award" fi haadha Bashaatuu Meltiimidiyaa, gaazexeessituu Bashaatuu Tolamaariyaam

Artistoonni Oromoo toora aartii adda addaa keessaa filataman Dilbata darbe jechuun Amajjii 14 bara 2018 badhaasa “Oda Award” jedhu badhaafamaniiru.

Badhaasa kana qopheessuun aartistoota kana kan badhaase kan haaraa hundeeffame dhaaba “Bashaatuu Multimedia” jedhu yoo ta’u sirni badhaasa kanaas Finfinneetti kan argamu galma giddu gala aadaa Oromoo keessatti geggeessame. Bu’uursituun dhaaba badhaasa kana kenne gaazexeessituu Bashaatuu Tolamaariyaam dhaaba kana kan ani hundeesseef fakkeenyaaf Afaan Amaaraan badhaasawwan hedduun qophaa’anii kan kennaman yoo ta’u kan Afaan Oromoo garuu xiqqaa waan ta’eef kanatu na kakaase jetti.

Bahdaasa "Oda Awards"
Bahdaasa "Oda Awards"

Badhaasi dhaaba dhuunfaan Aartistootaaf kennamu kun kan jalqabaa yoo ta’u gara fuula duraatti kana caalaa jabaatee itti fufa jetti Bashaatuun.

Badhaafamtoota keessaa tokko wellisaa Haacaaluu Hundeessaa ti. Badhaafamuu kootti hedduun gammada, jabaannee akkasitti dhiyaachuun keenya weellistoonni angafoota ta’an wareegamaa isaan baasaniin jedhee jira.

Artistoota Oromoo Jajjabeessuf Sirni Badhaasa “Odaa Award” Jedhamu Geggeeffame
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:06 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG