Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaa fi Eeritraan Tarkaanfii Waraanaa Irraa Of Qusachuu Qabu: Ameerikaa,Gamtaa Afriikaa fi Tokkummaa Mootummootaa


Maapii nannoowwaan Itoophiyanif Eertiraan duraan irratti waldhaban agarsiisu
Maapii nannoowwaan Itoophiyanif Eertiraan duraan irratti waldhaban agarsiisu

Walitti bu’iinsi daangaa Ertiraa fi Itiyoopiyaa irratti ka’e akkaan kan isaaan yaaddesse ta’uu Ameerikaa fi gamtaan Afriikaa beeksisaniiru.

Biyyoonni lamaan haalawwan gara walitti bu’iinsaatti oofu irraa akka of qusatan waamicha dabarsaniiru.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaas muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa waliin Brussels keessatti wal arganii waamicha wal fakkaatu dabarsuu dhaan biyyoonni lamaan furmaata karaa nagaa akka barbaadan gaafataniiru. Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddorri Eertiraa Girmaa Asmooramis gama isaanii dhimmichi dhimma siyaasaa utuu hin taane weerara waraanaa ti jedhan.

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Itiyoopiyaa fi Eertiraan bara 2000 keessa dubbiif akka wal hin barbaanne walii galtee mallatteessuu isaanii kan yaadachiise ibsi sun tarkaanfiin waraanaa lamaaniifuu furmaata ta’uu hin danda’u jedhee jira.

Kanaaf gam lamaanuu tarkaanfii waraanaa irraa of qusatanii dhimma isaa marii siyaasaan akka furan gaafatee jira.

Biyyoonni lamaan naannoo isaaniitti nagaa fi tasgabbiin akka bu’uuf walii galteen akka hojjetan Ameerikaan gaafattee jirti.

Dura teessuun gamtaa Afriikaa Dr. Dilaaminii Zuumaa ibsa wal fakkaatu baasaniin walitti bu’iinsi Tsoronaa keessatti uumame hedduu kan isaan yaaddesse ta’uu ibsaniiru.

Qaamni lamaan ibsawwanii fi yaadawwan dubbii tuqatan kennuu irraa akka of qusatan waamicha dabarsaniiru. Kana gochuu dhaanis nageenya naannoo akka hin jeeqne gaafatan. Walii galteen Aljers mallatteeffamee waggoota kudha ja’a boodas adeemsi nageenyaa Itiyoopiyaa fi Eertiraa gidduu bakkuma jirutti kan dhaabate ta’uun isaa kan nama gaddisiisu jechuun dubbatan.

Gamtaan Afriikaa biyyoonni lamaan rakkoolee isaanii akka furanii fi hariiroo isaanii akka fooyyessan gargaaruuf qophee ta’uu illee tuqanii jiru.

Tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderri Eeritraa Girmaa Asmerom galgala kana VOAf akka ibsanitti walitti bu’iinsi sun dhimma siyaasaa utuu hin taane weerara waraana waan ta’eef balaaleffatamuu qaba malee waamichi irraa of qusadhaa jedhu kan dhiyaatuuf miti jedhan.

Sababiin isaas yakkamaa fi kan yakki irratti raawwatame qixxee miti. Seerri sadarkaa addunyaa cabeera. Kanaaf mootummaan Itiyoopiyaa mootummaan Wayyaanee yakkamuu qaba jennee amanna. Akka itti ibsan inni sirrii ta’es isa kana ta’uu qaba jedhan.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Ban ki Moon muummicha ministeeraa Itiyoopiyaa waliin Brussuels, Beljium keessatti har’a wal arganii jiran. Wayita kanas gabaasa lolli hamaan daangaa Iiyoopiyaa fi Ertiraa irratti ka’uun kan isaan yaaddesse ta’uu dubbatanii tarkaanfii waraanaa irraa of qusatanii furmaata karaa nagaa fi siyaasaa barbaaduu akka itti fufan waamicha dabarsaniiru.

Itiyoopiyaa fi Eeritraan Tarkaanfii Waraanaa Irraa Of Qusachuu Qabu: Ameerikaa,Gamtaa Afriikaa fi Tokkummaa Mootummootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:52 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG