Xurree ittiin seenan

Mana Keessatti Kan Ugguraman Obbo Baqqalaa Nagaa amma haala akkamii keessa jiru? Gaaffii dhaggeeffataa

  • Jaallannee Gammadaa

Barreessaa paartii Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Baqqalaa Nagaa

Barreessaa paartii Koongiresa Federaalawa Oromoo fi kan Mana Keessatti Ugguraman Obbo Baqqalaa Nagaa dhimma Maaster pilaanii Finfinnee waliin wal-qabatee yeroo mormiin Oromiyaa keessatti babal’atee geggeeffamaa turetti, humna mootummaatiin akka manaa ofii tii hin baanee fi sabaa-himaa kamiif iyyuu odeeffannoo hin kennine ugguramuu isaanii, ibsa yeroo sana dhaaba isaanii irraa kenname gabaasuun keenya ni yaadatama.

Yeroon uggurri kun na irra kaayame, baatii Sadaasaa bara 2017 kan fuul-dura keenyaatti waggaa lama guuta jedhu Obbo Baqqalaan.Guyyaa sana ituun karaa irra deemaa jiru konkolaataan dhufanii humnaan itti na seensiisan.Nutii humna polisii humna tika nagaa ti naan jedhan.Namoonni kun arfanuu Shugguxii of-harkaa qabu. Inni Shofeera cina ta’uus warri barcuuma isa duubaa irra ana gidduu galchanii bitaa fi mirgaan ta’anis meeshaa natti qabanii ittiin na tumataa fi harkaanis na dhaanaa turan jedhu Obbo Baqqalaan.

“ Mana keetii lamuu akka hin bane, hojii siyaasaa ooftan dhaabii ni beekna” naan jedhan Obbo Baqqalaa Nagaa. Yeroo sana Sabaa himaaf ibsa akka hin laanne ittifamuu isaaniis paartiin isaanii gabaasee ture. Garu waa’een koo yaadatamuu qaba jechuun sagalee isaanii dhagesisuuf murteessan.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame armaa gadiitti caqasaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG