Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dambii Dolloo Keessatti Haadha Ciniinsifachaa Jirtu Rasaasnii Galaafate


Oromia map

Adooleessa 23 bara 2018 walakeessa halkaniitti dhiyaataa yeroo jiru Bajaajjiin haadha ijoollee lamaa ciniinsifataa jirtu Aaddee Birhaanee Maammoo fi namoota ka biroo shan qabattee gara hospitaala Dambii Dollootti qajeelaa turte irratti haleellaan banamuu maatiin ibsanii jiru.

Aaddee Biraanee Maammoo lubbuun isaanii kan darbe yoo ta’u kanneen biroo afur mada’anii dargaggeessi tokko garu fayyaa ba’e jarreen mada’an mara gara hospitaalaatti dhaqqabsisuu danda’ee jira.Kanneen mada’an keessaa tokko abbaa warraa aaddee Birhaanee obbo Musxafaa Bashir harmee isaanii aaddee Zaytunaa Birruu akkasumas shofeera bajaajjii kan ture dargaggoo Gammachis hospitaala Dambii Dolloo tajaajilli raajii ykn x-ray waan hin jirreef hospitaala Ayiraatti ergamuu Dr Gaddafaa Gaarii hospitaala Dambii Dolloo irraa ibsanii jiru.

Aaddee Zahaaraa Kadir garu achuuma hospitaala Dambii Dolloo keessatti wal'ansa argataa kan jiran ta'uun ibsamee jira.

Waajirri ittisa yakkaa qajeelcha polisii godina Qellam Wallaggaa akka jedhutti aaddee Biraanee Maammoo du’uun dhugaa ta’u fi eenyu haleellaa kana akka rawwate qoratamaa jira jedha.

Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame Caqasaa

Dambii Dolloo Keessatti Haadha Ciniinsifachaa Jirtu Rasaasnii Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:42 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG