Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinnee Kan Jiru Embaasiin Amerikaa Uummata Tigraayiif Gargaarsa Arjoome 


Yunaaytiid Isteetes laastikii meetra dhedheeraa fi jabaa ta’an maraa 1500 jaarmayaa godaantoota addunyaa ykn IOM tti kennitee jirti.Kunis Yunaaytiid Isteetes lammiiwwan Itiyoophiyaa kanneen walitti bu’iinsa Tigraay keessatti gagageeffameen manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’aniif dahannaa yeroo ijaaruuf yaalii gootuuf kan ooluu ta’uun ibsamee jira.

Kanas Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Amerikaa Geetaa Paasiitu qondaaltitti gameettii imala IOM ka ta’an Moriin Achiiengii fi itti anaa komiishiinara ittisa balaa Itiyoophiyaa Yaasiin Nasiibuutti Finfinnee keessatti kenne.

Walitti bu’iinsii Tigraay keessaa uummata Miliyoona tokkotti tilmaamamuu manaa fi qe’e irraa kan godaansisee yoo ta’u hedduun isaanii ala ciisaa kaan immoo bakka daahannaa namnii keessatti hedduumaate keessa jiru.

Kan har’a arjoomamee Laastiika fi meeshaa mana ittiin ijaaraniin ala, hafata irra ciisan, uffata qorraa fi meeshaalee midhaan ittiin qopheessanii fi bilchheefatan adda addaa tu keessa jira.

IOM immo battaluumatti namoota baatilee shaman darbeef rakkoo keessa jiran kan Tigraay keessaaf geessuuf jira.

XS
SM
MD
LG