Xurree ittiin seenan

Breaking News

Feesbuukin Barreeffama Muummee Ministiraa Itiyoophiyaa "hokkaraaf nama kakaasa" jedhe haqe


Faayilii _ Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed, Adoolessa 5, 2021
Faayilii _ Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed, Adoolessa 5, 2021

Muumeen ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Sanbata dheengadaa barreefaminii isaan maxxansan waan hookkoraf nama kakaasu waan ta’eef faallaa seeraa dhaabichaati jechuudhaan akka fuulaa isaa irraa haqe dubbi himtuun dhaabata Fees Buukn bulchuu isaa Meettaa jedhamee dhiheenya kana moggaafamee Emily Cain himaniiru.

Akka Fees Buuk jedhett,i bareefamnii Abiy Ahimad << biyyaa keenyya fi du’uun dirqama keenyaa>> mataduree jedhu jalatti lammiileen biyyaatii meeshaa qabaniif waan danda’an hundaanuu akka lolaaf qophaawan kan waamichaa taasisu akka ta’e Asoosheetid prees gabaaseera.

Abiy Ahimad hordoftootaa Miiliyoonii 3 fi miiliyoonii walakkaa akka qaban kan ibsan dubbihimtuun dhaabichaa, fuulii Fees Buukii muumichaa ministeera akka hin uguramne himaniiru.

Fees Buuk kanaan duraa prezidaantti Amerikaa duraanii Doonald Traampiin dabalatee fuulaa hoggantoota siyaasaa adda adda cufuu isaa fi barreefama isaanii haquun isaa akka beekamu gabaasameera.

XS
SM
MD
LG