Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinneen Hiriira Guddaa Boor Keessumsiistuuf Qophiitti Jirti


Melleskaachew Amahaa, Finfinnee irraa akka gabaasetti, waggoota hedduudhaaf, walga’iilee fi agarsiisawwan adda addaa keessumsiisaa ka ture – waltajjiin Masqalaa, har’a guyyaa waaree irraa jalqabee, hiriira guddaa boorutti karoorfameef qophii adda addaa tu keessatti mu’ataa jira. Qomeeleen suuraa muummicha-ministaraa qaban bakka adda addaatti gurguramaa jiran. Suuraalee sana waliinis, dhaadannoolee adda addaa tu dubbisama:

“Si cina jirra”, “Guyyaa hida’amuu” kanneen jedhanii fi dhaadannoolee ka biroo tu qomeelee yokaan T-shertoota sana sana irraa mul’ata.

Lafkkoobsi isaanii baay’ee ka tahe – ogeessonni miidiyaa yokaa sabaa-himaa, meeshaalee isaanii qindeeffatanii waa’ee hiriira seena-qabeessa – jedhame kanaa, qindeessitoota hiriirichaa ibsa kennamu eeggachaa jiran.

Dura-taa’aan Koree Qindeessituu hiriira kanaa – Obbo Guddataa Galaalchaa, sababaa hiriira kanaa akkana – jechuun gabaasaa keenyaaf ibsan.

“Guyyaa boorii, jijjiirama jiru haa deggerru. Dimookiraasii haa cimsinu, kaka’umsa yokaan MOTO jedhuun, hiriira nagaa guddaa waamnee jirra. Hiriirri kun kan eenyuu iyyuu otuu hin taane, hiriira lammiwwan Itiyoophiyaa ti. Guyyaa galataa ti. Amantiidhaan, ilaalcha siyaasaatiin, yaadaan otuu adda hin ba’iin tokko taanee baana. Biyyi keenya Itiyoophiyaan ammaan dura, haga yeroo dhihootti maal keessa akka turte ni beekna. Har’a immoo, yaaddoo sana mara keessaa deebinee, daandii bilisummaa, haqaa fi dimookiraasii irra buunee jirra. Lammiwwan Itiyoophiyaa marti tokko taanee, hafuura Itiyoophiyaanummaa qofaan wal-geenya, jennee jirra. Dhaamsawwan abdachiisoon hedduun nu dhaqqabaa jiru. Guyyaa boruu, nagaa fi jaalalaan dabarsina, jennee abdii qabna.” jedhu – Obbo Guddataa Galaachaa.

Qindeessaan hiriichaa ka biraan, Yunivarsitii Amboo, Mooraa Wal-qixxeetti, barsiisaa fi falmaa mirga namoomaa ka tahe – Obbo Siyyum Tafarraa, yeroo hiriira kanaatti wanni adda addaa mul’achuu danda’a. Garuu, hirmaattonni hiriira kanaa mata-mataatti nageenya isaa eeggachuu qaba. Qindeessitoota nuti bobbaafne, namoota kumaa fi dhibba shanii haga kuma lamaa tahan gargaaaruun nageenya tiksuu qaban. Naga eegdota Oromiyaa, Finfinnee fi ka federaalaa wajjiin walii-galuun deemuu qaban, jedhan.

Finfinneen Hiriira Guddaa Boor Keessumsiistuuf Qophiitti Jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:02 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG