Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Guutinsi Hidhaa Laga Abbayaa Marsaan Duraa Xumuramuu Labsan


Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad
Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad

Muummichi ministaraa Itiyoophiyaa, kaleessa, fuula Tiwiiterii isaanii irratti, guutinsa bishaanii marsaa duraa, kan hidhaa laga Abbayaa ennaa ifatti beeksisan, uummata Itiyoophiyaatiin “Baga gammaddan!” jechuun itti fufanii ennaa ibsan, “boqonnaa murteessaa hidhaa laga Abbayaa kana dhaga’uuf, arguuf, baasii isaaniin deggeruudhaaf, dhalanni heddun, hoogganoonni hedduun hawwanii turan.

Har’a Lagi Abbayaa, sirbaa, ittiin sodaachisa irra dabree, otuu eenyuuniyyuu hin miidhiin boqonnaa murteessaa irra akka gahu taasisnee jirra,” jedhan. Hojii hidhaa Laga Abbayaa irratti kanneen hirmaatan – hoogganotoa irraa jalqabee, hanga kanneen buusii maallaqaa buusaniitti kan galateeffatan – muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimad, hojiiwwan haga ammaatti hojjetaman kan nama boonsan tahuu eeranii, gama biraatiin - gama dippioomaasiitiin hojiiwwan ulfaatoo mudachuu malanis eeranii jiran.

Hidhaan Laga Abbayaa, bara dhufu, tarbaayinii lamaan annisaa yokaan inerjii eletrikii maddisiisuu akka jalqabu ka dubbatan yoo tahu, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2015tti immoo guutummaatti hojii isaa jalqaba – jedhan. Dhhimmuma hidhaa Laga Abbayaa kana irratti walga’iin dheengadda, Gamtaa Afrikaatti hoogganoota biyyoota Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Masrii gidduutti geggeessamee ture bu’a-qabeessa tahuu isaa, Ministarri Bishaanii, Jal’isii fi Inerji – Dr. Silashii Beqqelee, VOAf ibsanii jiran.

Gama biraatiin, gabaasaan, gaazzexaa Masrii Al Aaraam jedhamu tokko, marii hoogganoota biyyoota sadeenii ilaalchisee ka dubbatan – aangawaan Masrii tokko, mootummoonni Masrii fi Sudaan, hidhaan laga Abbayaa sun ta’insa uumamaa Itiyoophiyaatiin guutuu isaa ka mootummaatiin ibsame simatanii jiran, jedhee jira. Gama Masriitiis, murtiin sadarkaa ol’aanaatti murteessame waliin dubbiin sun kan itti fufuu tauu aangawaan sun dubbatan – jechuun, gaazzexaan Al Aaraam gabaasee jira.

Hidhaa Laga bishaaniin guutuun ka marsaa duraa xumuramuu isaaf, paaartiileen mormituu ka biyya keessaa deggersa isaanii ibsaa jiran. Hoogganoonni Waldaa Dimookiraatawa Tigiraay, kan IIzeemaa, Ka Koongiresa Dimookiraatawa Oromoo fi Tokkummaa Guutummaa Itiyoophiyaa, uummata Itiyoophiyaatiin baga gammaddan, jedhanii jiru, jedha – Meleskachew Ammahaa, Finfinnee irraa.

Caqasaa.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Guutinsi Hidhaa Laga Abbayaa Marsaan Duraa Xumuramuu Labsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:24 0:00


XS
SM
MD
LG