Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Oromiyaa Biraa Eeyama Fiddan Malee Bakka Gargaarsi Kennamu Hin Seentan Nuun Jedhan: MEAD FI SEMAYAWI


Hogganoonni paartiin mormituu MEAD fi Semayawi paartii gara dhiyeenya walitti bu’iinsi keessatti uumametti kan imalan Dilbata darbe ture.

Imalli isaaniis kanneen qe’ee irraa buqa’anii fi miidhaan irra ga’e daawwachuu akkasumas gargaarsa akkamii akka kennan murteessuuf akka ta’e bulchoonni kun dubbataniiru.

Barreessaan paartii MEAD obbo Adaanee Xilaahuun akeeki imala isaanii kan hin milkoofne ta’uu dubbatan.

Kana dura miseensota keenyaa fi uummata biraa bakka miidhaa dhaqqabe fi walitti bu’iinsi itti uumamee ture ilaalchisuun odeeffannoon hedduun nu dhaqqabani jiru.

Bulchiinsi zoonii Buunoo Beddellee garuu mootummaa naannoo Oromiyaa biraa eeyama fiddan malee naannoo sana daawwachuu hin dandeessan nuun jedhe kan jedhan obbo Adaanee Xilaahuun, uummata keenya gargaaruuf eeyama nu hin barbaachisu ture jedhan.

Bulchaan zooniin Buunoo Beddellee obbo Shaafii Huseen hojii gargaarsaa kana kan hoogganu mootummaa naannoo Oromiyaa waan ta’eef eeyama achii fiddan yoo qabaattan qofaa isin keessummeessuu dandeenya ittiin jechuu isaanii dubbatan.

Mootummaa Oromiyaa Biraa Eeyama Fiddan Malee Bakka Gargaarsi Kennamu Hin Seentan Nuun Jedhan: MEAD FI SEMAYAWI
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:51 0:00

XS
SM
MD
LG