Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fi Kanneen Waliin Galmee Tokkorratti Himataman Akka Bilisa gad-lakkisaman Murtaawe


Koloneel Gammachuu Ayyaanaa
Koloneel Gammachuu Ayyaanaa

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee namootni galmee Kiisii Qixxumaa irratti himataman 12 akka bilisa gad-lakkisaman manni murtii olanaa Feederaalaa har’a ajajee jira, jedhu abukaatoon himatamtootaa.

Aukaatoon himatamtoota kanneenii obbo Tuulii Baayisaa akka ibsanitti, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalee hidhamtoonni maqaan isaanii galmee Kiisii Qixxumaa irratti argamu, yakka shororkeessummaatiin himataman.

Manni murtii olaanaa dhaddachi farraa shorroorkeessummaa fi dhimmota heeraa motummaa 3ffaan dhimmicha erga qorachaa ture har'a namoonni kunneen akka bilisaan mana hidhaatii gad-lakkisaman ajaja kennan, jedhan Obbo Tuuliin.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fi Kanneen Waliin Galmee Tokkorratti Himataman Akka Bilisa gad-lakkisaman Murtaawe
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:29 0:00


XS
SM
MD
LG