Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkofsii Paartilee Filannoo Irratti Hirmaatan Xiqqaachuu Qaba: Dr Abiyyi Ahimad


Paartileen siyaasaa Itiyoophiyaa keessaatti har’a mummicha ministeeraa waliin walgahii ta’an torbaatama kan ga’an ta’u mummichi ministeeraa Dr. Abiyyi Ahimad dubbatanii jiru. Gara fuula duraatti marii gaggeessinuun walii gala gara paartii shanii ykn ja’atti gad xiqqaatu abdii jedhuun qaba jedhan. Warri yaada walitti dhiyaataa Qabnu gara paartii biyya Bulchaa Jiruu Ykn morkitootaa Goruu danda’uu jedhan

Dr Abiyyi garu filannoo dhufu walabaa fi kan haqaa gochuuf qophii ta’u kanas fixaan baasuuf bordii filannoo haaraa ijaaramee seerri barbaachisaa ta;anis ni foyyeefamu jedhan.Filannoo itti aanuu walabaa fi kan haqaa gochuuf qophiin godhamu yeroon xumuramuu baannaan yeroo filannoo dheereessuun barbaachisaa akka ta’u paartileen morkitootaa dubbataa jiru.

Paartilee Oromoo har’a walgahii kana keessa turan keessaa hangii tokko yaada isaanii nu kennanii jiru. Caqasaa.

Lakkofsii Paartilee Filannoo Irratti Hirmaatan Xiqqaachuu Qaba: Dr Abiyyi Ahmad
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:57 0:00

XS
SM
MD
LG