Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa Wixinee Maarii Raggaasise


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Manni-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa, har’a walga’ii hatattamaa geggeesseen, wixinee seeraa waa’ee MAARII raggaasisee jira.

Labsiin maarii sun, namoota gochaalee yakkaa adda addaatti hirmaatan, gochaa isaaniitiis itti-gaafatama itti murame haquudhaan, akka uummatatti dabalamanii misooma biyyattii keessatti qooda isaanii gumaachan carraa kennuuf ka bahe tahuun isaas ibsamee jira.

Kana malees, mirga siyaasaa isaanii hojiin agarsiisuuf jedcha sochii gochuu isaanii irraa kan ka’e, mootummaan nu yakkuu mala – jechuudhaan kanneen biyyaa bahanii, biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatan - lammiwwan biyyattii, akka maariin godhameefii gara biyya isaaniitti deebi’an haala miijessuuf akka tahe tu ibsame. Dirree siyaasaa babal’isuu fi walii-galtee biyyoolessaa uumuuf akka tahe illee dubbatamee jira.

Labsiin kun, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Hagayya 30, bara 2010 dura, kanneen yakkawwan armaa olitti ibsaman raaw’atan – jedhamuun barbaadamaa jiran, kanneen qoratamaa jiranii fi kanneen mana murtiitiin balleessaan itti murame – namoota dhuunfaafis tahe gurmuuleef MAARII gochuuf jira.

Hagayya 30, bara 2010 yoo dabre garuu, kan MAARII sana hin kennine tahuu – Mana-mareeetti, hoogganaan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Seeraa – Obbo Pheexiroos Walde-senbet beeksisanii jiran.

XS
SM
MD
LG