Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa'ee Marii Biyyaalessaa Dhaabonni Adda Addaa Itiyoophiyaa Keessaa Maal Jedhu?


Waa'ee Marii Biyyaalessaa Dhaabonni Adda Addaa Itiyoophiyaa Keessaa Maal Jedhu?
Waa'ee Marii Biyyaalessaa Dhaabonni Adda Addaa Itiyoophiyaa Keessaa Maal Jedhu?

Siyaasaa Itiyoophiyaa mudatee turee fi mudaataa jiruu furuuf hayyoonni dhaabonni siyaasaa, Dhaabonni mit-mootummaa biyya keessaa fi alaa yeroo adda addaatti waliin mariin biyyaalessaa barbaachisaa tahuu yaada dhiheessaa turan.

Dhaabni siyaasaa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)’n osoo filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan geggeeffamuu dura mariin biyyaaleessaa akka barbaachisu ibsa baasee ture. Haaluma wal fakkaatuun dhaabni siyaasaa ka biraan Adda Bilisummoo Oromoo (ABO)’n Obbo Daawud Ibsaan hoogganumus mariin biyyaaleessaa hunda hirmaachise taasifamuu akka qabu akeekuun ibsa baasuun ni yaadatama.

Eeega filannoon biyyaaleessaa marsaa ja’affaan gaggeeffamee booda, mootummaan biyya bulchaa jirus mariin biyyaaleessaa akka barbaachisuu fi akka maricha taasiisuuf jiru ibsee ture. Mariin biyyaaleessaa maaliif barbaachisee fi dhimmoota maaliirratti eenyufaatu maari’achuu qabaa? gaaffiilee jedhan irratti gabaasaan keenya Mitikkuu Fiqaaduu dhaabota siyaasaa, dhaabota mit-mootummaa fi ka mootummarraa dubbisuun, Dirree Dimookiraasif qophii qindeesse qaba.

Waa'ee Marii Biyyaalessaa Dhaabonni Adda Addaa Itiyoophiyaa Keessaa Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:16 0:00


XS
SM
MD
LG