Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Mararaan Hidhaadhaa Gadhiifaman


Dr. Mararaa Guddinaa hidhaadha akkuma bahaniin yeroo gaazexessoonni dubbisan
Dr. Mararaa Guddinaa hidhaadha akkuma bahaniin yeroo gaazexessoonni dubbisan

Dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Dr. Mararaa Guddinaa dabalatee namoonni ammi tokko guyyaa harraa hidhaadhaa gadhiifamaniiru. Dr. Mararaan bakka jireenya isaanii, magaala Burraayyuu yeroo gahan simannaan oo’aan godhameefira.

Deeggartoota isaanii dabalatee hawaasni addunyaa gadhiifamuu isaanii gammachuudhan simachaa jira.

Xalaayaan wajjirri Abba Alangaa Mummichaa Federaalaa mana murtii federaalaa ramaddii Lidataatii erge, “fayidaa ummataa fi mootummaatii jecha himannaan Dr. Mararaa irratti banamee ture addaan citee akka hidhaadhaa bahan murteeffameera,” jedha.

Maanguddoon Oromo, Obboo Dhaqqaboo Waariyoo jedhamani fi gara oggaa lamaatii mana hidhaa turaniis namoota harra gadhiiffaman keessayi. Ballina oduu kana gara boodaa itti deebina.

XS
SM
MD
LG