Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministaraa Abiyyi IHADEG Waliigaltee Aljeers Guutmmaatti Fudhachuu Irratti Ibsa Kennnan


Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimed, ibsa har’a kennan keessatti, wal-dhibdee daangaa yeroo dheeraaf, Itiyoophiyaa fi Ertiraa wal-mormsiisaa turee fi kaleessa paartiin isaanii walii-galtee araaraa, ammaan dura Aljeersitti mallatteessamee ture akka guutummaatti fudhatu beeksise ilaalchisuun ennaa dubbatan, hariiroo Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduu ogeeyyiin haala sadiitti akka ilaalan dubbachuun jalqaban. Tokkoffaa, akka waraansa tahetti, lammaffaa akka waraansa hin ta’iin, nagaas hin ta’iinitti ilaalan ani garuu akkanatti hin ilaalu – jechuun ibsan.

“Haala amma jiru, namoonni Addunyaa hedduun “waraansa-dhablee, nagaa-dhablee” jedhu. Ani hiikkaa kanatti walii hin galu. “waraansa-dhablee, nagaa-dhablee” wanni jedhamu hin jiru. Haala amma jiru, “waraansa du’a hin qabne” ittiin jedheen jira. Duuti keessa jiraachuu baateyyuu, wanni waraansaaf barbaachisu – baasiin hundi, qophiin hundi, leenjiin hundi, wal-muddinsi hundi, waggoota digdamman turaniif daangaa irra ture. Loltuun tokko, sa’aa tokkoo fi sa’aa lama lolee mo’uuf yokaan mo’amuuf yeroo isa fudhatu caalaa, qophii waraansaaf godhuu fi ammaa moo amman haleelama jedhee yaadaa-qalbiidhaan gidiramuun waraansaa gadi akka hin taane sirriitti hubachuu barbaachisa. Waggoota digdamman dabraniif, hongee, gammoojjii, dahannoo keessatti waraanni gidiramaa jiru, yokaan lolee gara-tokkotti hin baane, yokaan nageenyi bu’ee akka loltuu ka biraa qalbii tasgabbaa’een jiraachuu hin dandeenye. “waraansa-dhablee, nagaa-dhablee” otuu hin taane, waraansa du’a hin qabne, inumaa, yeroo tokko tokko waraansi duuti itti makate ture.” Jedhan - Muummichi-ministaraa Abiyyi.

Dhimmi kun akka dhaabatuu fi humna guutuudhaan gara nageenyaatti ceenu gochuun, waan hunda caalaa Itiyoophiyaadhaaf, dabrees, Gaanfa Afrikaatiif barbaachisaa akka tahe dubbatan.

“Baatiilee lamaan dabraniif haala nageenyaa biyya keenya keessa ture tasgabbeessuuf hojii guddaa hojjennee, labsii yeroo muddamaa kaasuun keenya ni yaadatama. Gaaddisni nageenyaa kun, Itiyoophiyaa qofaaf otuu hin taane, Gaanfa Afrikaatiifis ni barbaachisa. Nuti Itiyoophiyaanonni, hooggana IGAD yeroo ammaa tahuu keenyaaf otuu hin taane, Afrikaa keessatti uummata guddaa, biyya guddaa waan taaneef, karaa itti-gaafatamummaa qabuun, mootummaa itti-gaafatamuummaa qabu taanee naannoo keenyatti nageenya mirkaneessuu qabna. Finfinnee fi Asmaraa gidduu, Awutoobusiin, baaburri, dinageen akka babal’atuu fi uummatoonni obboleeyyan akka wal-quunnaman gochuuf, tarkaanfii duraa fudhachuun, lammiin Itiyoophiyaa mata-mataatti hubachuu qaba” jedhan Dr. Abiyyi.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Muummichi Ministaraa Abiyyi IHADEG Waliigaltee Aljeers Guutmmaatti Fudhachuu Irratti Ibsa Kennnan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:57 0:00

XS
SM
MD
LG