Xurree ittiin seenan

Breaking News

Polisiin Nama Ajjesee Angawootatti Harka Kennee Jira. Jiraattotaa fi aangawoota


Oromia map

Godina Harargee Bahaa aanaa Burqaa Dhintuu magaala tayifee keessatti caamsaa 8 bara 2018 Barsiisaa Mohammad Abdullee walakeessa halkanii booda mooraa mana isaanii keessatti ajjeefamuu jiraattonnii fi aangawoonni ibsanii jiru.

Polisiin Fuad Hassen jedhamu kan barsiisaa mohammed bira mana kireeffatee jiraatuutu ajjechaa kana eega gaggeessee booda dhaqee aangawootatti harka kennate. Jiraatonni dubbisne ajjechaa rawwatameef sababaa adda addaa himaa kan jiran ta’uus aangawoonni garu qoratamaa jira jechu bira taranii waan ibsan hin qaban.

Ajjechaa barsiisaa Mihammad ti aansee uummanni waajira polisii dhaquun mufannaa isaa yeroo ibseetti walitti bu’insii uumamuu fi namoonni reebamuu fi madaa’uu ibsamee jira.Sirnii awwaalcha Barsiisaa Abdullee naannoo dhaloota isaanii godina Arsii keessatti har’a gaggeeffamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

Polisiin Nama Ajjesee Angawootatti Harka Kennee Jira. Jiraattotaa fi aangawoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:05 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG