Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Humni Ittisaa humna poolisoota Naannoo Oromiyaa fi Ka Naannoo Somaalee Mooyyalee keessa jiran hidhata hiikkachiise’


Magaala Moyyalee
Magaala Moyyalee

Walitti bu’iinsa dilbata darbe lubbuu nama 8 ol galaafatee 40 ol madeesse booda humni Ittisa biyyaa nagaa kabachiisuuf gara Mooyyalee dhufe, humnoota poolisii Naannoo Oromiyaa fi ka naannoo soomalee Mooyyalee jiran irraa hidhannoo hiikuu jiraattonni magaalattii dubbatan. Jiraataan Mooyyalee tokko wixata hedduuminaan gara magaalattii ka dhufan humnootni Ittisa biyyaa Waajjira Poolisii magaalaa Mooyyalee akka to’atan, humnoota poolisii Oromiyaarraallee hidhannoo akka irraa hiikan dubbatu.

‘Poolisoonni Oromiyaa Mantti galaniiru, Koomaand Poostii Agaaziin to’atamee jira Mooraan Poolisaa’ Jiraataa

Waraana dilbata darbe kana mooyyaleetti ta’e ilaalchisee Qaamni Biyya bulchaa jiru Koomaandi Poosti ibsa baasee ture. Ibsa isaa keessattis walitti bu’iinsa kana namoota rasaasa harkaa qabantu gareen wal hadhe jedhee dubbate. Kanaanis lubbuun namaa darbuu fi hedduunis madaa’uu, ammas rasaasa seeraan alaas hedduu nama harkaa akka booji’ellee ibseera.

Akka jiraattonni magaalattii himanitti, wixataa as magaalattii keessatti dhukaasi utuu hin dhagaa’amin ooleera. Haa ta’u malee ammas hidhattoonni naannoo Soomaalee eeggatanii miidhaa geessisuu danda’u sodaa jedhu qabu jiraattonni. Eefreem daldalaa dha. Kanaan dura obboleessa isaa Gezzaahiny waliin Mooyyaleetti daldalaa turee, eebila darbe kana bakka hojii utuu jiruu obboleessa isaa Gezzaahiny irratti boombiin darbatamee isa ajjeesnaan maatiisaa fudhatee gara hosaa’anaatti gale. Haati warraa isaa ka garaa qabdu du’a Gazzaahiny yoo argitu of wallaaltee amma hospitaala jirra jedha.

‘Obboleessikoo utuu gabaa keessatti diriirsee gurguruu boombiin itti darbatamee du’e. Yoo kana argitu haadhi warraa koo ka garaa qabdu naasuun dhukkubsatte.’ Eefreem – Daldalaa Mooyyalee Baqatee jiru.

Eefremiin dabalatee daldaltoonni fi jirattonni hedduun magaala Mooyyalee keessaa mana isanii dhiisanii bahaniiru. Keessumaa warreen qaama magaalattii ka naannoo Somaalee keessa jiran baqatanii gara Mooyyalee ganda naannoo

Oromiyaa jelatti bultuutti godaananiiru. Aadde Asnaa Mohaammed baadiyyaa ganda Mooyyalee ka naannoo Somaalee jelatti bultu keeessa jiraataa turan, ‘rakkoon nageenyaa’ rakkisaa taanaan Karaa Keeniyaan baqatanii amma Mooyyalee Naannoo Oromiyaa jelatti bultu keessa jiru. Aadde Asnaan waan waggaa 35 guutuu horan dhiisanii baqatan ijoollee isaanii 13 waliin.

‘Sabni lammii keenyaa hundi akka hin dhalleef ‘uffaa’ isaa keessa dhiitanii wanni nu hin argin hin jirtu, miidhamni guddoon tokko nurra gahee. Oromoo calla miti lammiin keenya kan hin miidhamne hin jiru. Lammiin keenya laga keessatti hin duune hin jiru, ka harka ciranii miila ciranii lafa keessaa madaabaraa keessaa hollata. Achitti dhiigi keessaa hobba’ee achumatti du’a.’ Aadde Asnaa Mohaammed.

Aadde Almaaz Araggaammoo jiraattuu mooyyalee ganda 02ti. Mana Shaayii itti gurgurani ka maatii isaanii nama 14 ittiin deeggaran hidhattoonni Naannoo Soomalee dhufan saamanii akka isaan ariyan himanii, harrallee itti deebinee mana ilaallachuuf dhaqnaan humni ittisa biyyaa ka Mooyyalee jiru akka isaan ariyate himatu.

Jiraattonni Mooyyalee hedduun humni ittisaa ka bifa haaraan Magaalattii keessa buufate kun nageenya magaalattiif furmaata fida jedhanii hin amanan. Sababa isaas yoo kaa’an ‘kanaan dura hidhattoonni kuniini ka miidhaa geessisaa turan utuma humni ittisaa magalaattii keessa jiruutii’ jedhu. Komii kana Godina Booranaa Aanaa Mooyyaleetti Hoogganaa Waajjira Dhimma Nageenyaa obbo Nigaatuu Kaasahun gaafannee isaanillee ‘Komiin Uummataa kun sirriidha’ jechuun deebisan.

‘Balaan Kanaan dura dhaqqabee humna raayyaa ittisaatii achi jiru gahe waan ta’eef komiin kun sirriidha.’ Nigaatuu Kaasaahun – Hoogganaa Waajjira Dhimma Nageenyaa Aanaa Mooyyalee.

Obbo Nigaatuun Humni Ittisaa Poolisoota naannoo Oromiyaa Magaala Mooyyalee jiran irraa meeshaa hiikuu himanii, gama poolisootaa Naannoo Soomaaleerraa hidhannoon hiikamuu haga yoonaa odeeffannoo qabatamaan akka isaan hin geenyellee dubbatan.

‘Humni Ittisaa humna poolisoota Naannoo Oromiyaa fi Ka Naannoo Somaalee Mooyyalee keessa jiran hidhata hiikkachiise’
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:48 0:00

XS
SM
MD
LG