Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Iraan Duraanii Akbaar Hashemii Raafsaanjaanii Kaleessa Du’aan boqotan


Prezidaantiin Iraan duraanii – Akbaar Hashemi Raafsaanjaanii
Prezidaantiin Iraan duraanii – Akbaar Hashemi Raafsaanjaanii

Prezidaantiin Iraan duraanii – Akbaar Hashemi Raafsaanjaanii, umurii isaa waggaa saddeettamii-lamaatti, dhukkuba onneetiin Kaleessa du’aan boqotan

Du’a isaanii labsuuf ka sagantaa isaa gidduutti kutee ture – Televiiziyoonni mootummaa biyyattii, “umurii isaanii guutuu otuu hin boqotiin karaa Isaalaamaa fi Warraaqsaatti bobba’anii hojjetaa dabarsan” jedhe.

Pirezdaantiin Iraan, Hassan Rouhani maatii Prezidaantii Iraan duraanii – Akbaar Hashemii Raafsaanjaanii yeroo jajjabeessan, Amajjii 9. 2017
Pirezdaantiin Iraan, Hassan Rouhani maatii Prezidaantii Iraan duraanii – Akbaar Hashemii Raafsaanjaanii yeroo jajjabeessan, Amajjii 9. 2017

Bara 1989 haga bara 1997 toorbaatti prezidaantii Iraan ta’uudhaan ka tajaajilan – Raafsaanjaaniin, sana dura immoo Warraaqsa Islaamummaa bara 1979 biyyattii keesssatti geggeessame kan hoogganan – Ayaatolaa Ruholla Koomiiniif, akka gorsaa ijootti ilaalamaa turan.

XS
SM
MD
LG