Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaan Ittisa Biyyaa Dhukaasa Nutti Bane Jiraattota Wallaggaa Lixaa


Godina Qellem walaggaa jiraattonni aanaa Gaawoo Qeebbee dhukaasa hamaa magaalaa keessaa fi naannoo sanatti dhaga’amuun hanga mgaalaa Qeebbeetti galamee gaaga’ama guddaatu nu irra ga’aa jira jechuu dhaan Raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.

Dhukaasi kun manaaf nama adda utuu hin basin meeshaa gurguddaan dhuka’aa jira, kanaaf namni magaalaa keessaa baqachuuf dirqame jedhu.

Qabeenyaan barbadaa’uu isaa kan dubbatan jiraattonni magaalaa Qeebbee humni raayyaa ittisa biyyaa nutti bobba’ee ol galuu fi gad ba’uu nu dhorke jechuun himatan. Bulchaan aanaa Gaawoo Qeebbee obbo Gammachuu Gurmeessaas dhukaasi magaalattii keessatti dhaga’amaa kan ture ta’uu isaa mirkaneessaniiru.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessatti immoo kaleessa galgala namoonni lama itti dhukaafamuun ajjeefamuu jiraattonni naannoo nuuf himaniiru. Reeffi namoota du’an lamaanii hospitaala Najjootti geessamee du’uun isaanii mirkanaa’ee maatiif kennamuu namoonni kunis itti dhukaafamuun kan ajjeefaman ta’uu ibsi Hospitaalicha irraa kenname beeksisee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:03 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG