Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kannen Seeraan Ala Doolaara Amerikaa Deddeebisan Ni Adabaman 


Kannen Seeraan Ala Doolaara Amerikaa Deddebisan Ni Adabaman 
Kannen Seeraan Ala Doolaara Amerikaa Deddebisan Ni Adabaman 

Ji’oota muraasa darbee keessaa konkolaata dhunfaa Laand Krusar jedhamu Finfinnee irraa gara Jigjigaatti ituu adeemaa jiru Bordoddee keessatti seeraan ala maallaqa deddebisaa akka jiru baramee to’anna jala ooluu mootummaan naannoo Oromiyaa beeksisee jira.

Namoonni lama jechuun Obbo Haabaannee Arabnur fi Obbo Ahmad Mahammad doolaara Amerikaa 541,771.00 seeraan ala deddebisaa akka turan waan bira ga’ameef manni murtii olaanaa kan godina Haarargee Lixaa lameenuu mata mataatti hidhaa jabaa waggaa saddeetii fi adaba qarshii kuma dhibba tokko akka baasan murtii adabaa kennee jira.

Dolaarri qabamees Oromoota sababaa walitti bu’iinsa daangaan bulchiinsa naannoo Somaalee keessaa manaa fi qe’e ofii irraa godaanaiif herrega baankii banameetti akka galu manni murtii olaanaan Harargee Lixaa Murteessuu isaa mootummaan naannoo Oromiyaa beeksisee jira.

Kannen Seeraan Ala Doolaara Amerikaa Deddeebisan Ni Adabaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:43 0:00

XS
SM
MD
LG