Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-bu’insa Gobbaatti Kaa’ee Hedduu Galaafate Tasgabbeesssuuf Marii Barbaachisa, Jedha Mootummaan Oromiyaa


Godinaa Baalee, magaalaa Gobbaa keessatti walitti-bu’insa Sanbataa fi Dilbata dabre kana uumameen haga ammaatti namoonni kudhan du’uu isaanii fi yoo xiqqaate kanneen dhibba tokko tahan irra miidhaan cimaa fi salphaan gahuu isaa, mootummaan naannoo Oromiyaa beeksisee jira. Kan walitti-bu’insa sana kakaasan,jijjiirama biyyattii keessatti ta’aa jiru gufachiisuuf kanneen harka lafa jalaan hojjetan akka tahe dubbata – mootummaan Oromiyaa.

Kanneen magaalaa Gobbaatti dhalatanii guddatan – jiraattonni magaalaa Finfinnee, akka mootummaan naannoo Oromiyaa walitti-bu’insichaaf furmaata kennu gaafachuuf jecha, Kaleessa ganama waajira Prezidaant Lammaa Magarsaa duratti walitti-qabamanii akka turan – Eskindir Firew, Finfinnee irraa gabaasee jira. Obbo Lammaa Magarsaa argachuu dhaa baatan iyyuu, bakka-bu’oota isaanii waliin akka dubbatanii turanillee gabaase.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Walitti-bu’insa Gobbaatti Kaa’ee Hedduu Galaafate Tasgabbeesssuuf Marii Barbaachisa, Jedha Mootummaan Oromiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:52 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG