Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warra Dheessee Ba’eef Gargaarsatu Barbaachiisa: Angawaa 


Yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa buqqaatoota kuma 500 ta’antu jra kan jedhan
Yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa buqqaatoota kuma 500 ta’antu jra kan jedhan

Godiina Wallaggaa Dhiyaa irraa haleellaa eenyuummaa irratti hunda’uun gaggeeffamee jedhame dheessuun kan ba’an namoota 200 caalaa guyyaatti simataa kan jiru ta’u bulchiinsa naannoo Amaaraatti sagantaan waltaasiisa wabii nyaataa fi ittiisa balaaf komiishiinara kan ta’an Obbo Zalaalam Liijaaleem ibsanii jiru.

Yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa buqqaatoota kuma 500 ta’antu jra kan jedhan. Obbo Zalaalam mootummaan ji’a ji’an nyaata kuntaala kuma 300 fi kuma 50 kennaa jira jedhan.

Kunis humnaan ol waan ta’eef namoonni dhunfaa fi jaarmayoonni kan mootummaa hin ta’iin gargaarsaaf akka harka isaanii hiixatan gaafatan.

Mootummaan Fedeeraalaa qaamoota eenyummaa irratti hundaa’uun haleellaa geesiisan irratti tarkaanfii akka fudhatu akkasumas kanneen jireenya ofii irraa godaanan kana haala mijeessee akka gara qe’e isaanti akka deebi’uu danda’an gaafatanii jiru.

XS
SM
MD
LG