Warruma Nagaa Biyyaa Jeeqaa Jiruutu Kora Kana Irratti Nageenyi Ha Kabajamuu Jechuun Gaafataa Ture.Hundee Dhugaasaa

  • Jaallannee Gammadaa

Hundee Dhugaasaa

Magaalaa Hawaasaa keessatti guyyaa sadiif gaggeeffamaa kan ture korri ADWUI inni 11ffaan har’a xumuramee jira. Dr. Abiyyi Ahmad dura ta’aa addichaa akkasumas obbo Dammaqaa Makonnan itti aanaa dura ta’aa gochuuf falatee jira.

Jaarmayoota miseensa ADWUI ta’an arfan irraa mata mataatti namoonni 250 waluumaagalatti kumnii tokko walgahii kana kan gaggeessan yoo ta’u toora adda addaa irraas taajjabdummaan kan itti hirmaatan akka jiran ibsamee jira.

Walgahii kana irratti Taajjabdoota ta’uun kannen argaman keessaa hayyuu seeraa fi biyya Inglizii keessa jiraataa kan ture Hundee Dhugaasaa tokko.

Deemsa walgahii ADWAUI kana kan ilaaleen yaada kenneen walitti bu’iinsa biyyattii keessaa keessumaa Oromiyaa keessatti kan mudatee fi mudachaa jiru dhaabsisuuf uummanni, dhaabileen siyaasaa martii fi mootummaan walii wajjiin hojjachuu qaba jedha.

Gaaffii fi Deebii Guutuu Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Warruma Nagaa Biyyaa Jeeqaa Jiruutu Kora Kana Irratti Nageenyi Ha Kabajamuu Jechuun Gaafataa Ture.Hundee Dhugaasaa