Badhaasi Noobelii Nagaa Kun Kan Koo Qofa Miti: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed

  • Tuujubee Horaa

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimed fi haati warraa isaanii Addee Zinaash Taayyachoo yeroo namoota deeggrsaaf bahan nagaha gaafatan, Osloo, Nooriwee, Muddee 10, 2019

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimed har’a Norweey Oslootti argamuu dhaan Badhaasa Noobeelii nagaa badhaafaman.

Your browser doesn’t support HTML5

Badhaasi Noobelii Nagaa Kun Kan Koo Qofa Miti: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed


MM Dr. Abiyyi Badhaasa Noobeelii Nagahaa Fudhatan

Sirna har’a geggeessame irratti dura teessuun koree sanaa Beerit Raiyisaa Andersen akka jedhanitti badhaasi kun milkaa’ina isaan argatan kan nageenya Eertraa fi Itiyoophiyaa gidduutti bu’uu, Itiyoophiyaa keessatti walabummaan sivilii akka jajjabaatu akkasumas waaltaalee cimsuu dhaan dimokraasii babal’isuuf tattaaffii isaan godhan akkasumas gumaacha isaan araara biyyoota naannoo gaanfa Afriikaatti godhaniif kenname jedhan.