Hiriiraawwan Magaalaalee Oromiyaa Adda Addaatti Itti Fufee Har’as Nagaan Xumurame

  • Tuujubee Horaa

Faayilii - Hiriira mormii Oromiyaa

Hiriiraawwan mormii uummataa kun magaalaalee Oromiyaa kanneen biroo keessatti illee kan geggeessame ennaa ta’u nagaa dhaan xumuramuun beekamee jira.

Akkuma kanaan zoonii Wallaggaa bahaa magaalaa Naqamtee, Wallaggaa dhiyaa magaalaa Gimbii keessatti hiriirri mormii kun geggeessamee nagaan xumuramuu jiraattonni nuuf ibsaniiru.

Dhaadannoolee mootummaa balaaleffatan adda addaa fi hidhamtoonni siyaasaa kanneen akka obbo Baqqalaa Garbaa fi Doktor Mararaa Guddinaa haa hiikaman, uummata keenya naannoo daangaa Somaalee irra jiru qe’ee isaa irraa buqqa’uun haa dhaabatu, Oromoon ofiin of bulchuu qaba kanneen jedhanii fi ka biroo illee dhageesisaa ooluu isaanii dubbatu jiraattonni kun.

Poolisiin Oromiyaas nagaa eegisuu irraan kan hafe isaanuma cina hiriiree kan oole ta’uu ibsanii, hiriirri geggeessame nagaan xumurameera jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Hiriiraawwan Magaalaalee Oromiyaa Adda Addaatti Itti Fufee Har’as Nagaan Xumurame