Rooba Cimaa Kibba Hindiitti roobee ture hordofee Sigiga lafaa mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 194 yommuu darbu namoonni 180 immoo hanga ammaa hin argamiin jiru.
Sirni gaggeessaa hoogganaa Siyaasaa garee Hamaas Iraan keessatti ajjeefamee Kamisa har’aa achuma Iraan Keessatti raawwateera. Duuti hooganaa siyaasaa garee Hamaas kun Tehiraaniin alatti walitti bu’insa naannicha keessa jiru daran hammeessuu malas jedhamaa jira.
Roobii kaleessaa biyya Naayijeeriyaa Kutaa Bornoo keessatti dhohinsa boombii raawwateen namoonni 19 yommuu du’an , kanneen 20 ol ta’animmoo madaa’uu Angawoonni ibsan.
Godina Goofaatti Reeffa namoota balaa sigiga lafaa uumaamee tureen barbaaduun dhaabbachuu isaa bulchiinsi mootummaa naannoo Kibba Itiyoophiyaa beeksiise.
Caalaa agarsiisi