Xurree ittiin seenan

Breaking News

Adigiraat Yunivarsitii Keessatti Torban Dabre Du’uu Barataa Tokkoo tii booda, Barattoonni Mormii Kaasanii Qabeenyaa Irra Miidhaa Geessisan


Adigiraat Yunivarsitii Keessatti Torban Dabre Du’uu Barataa Tokkoo tii booda, Barattoonni Mormii Kaasanii Qabeenyaa Irra Miidhaa Geessisan
Adigiraat Yunivarsitii Keessatti Torban Dabre Du’uu Barataa Tokkoo tii booda, Barattoonni Mormii Kaasanii Qabeenyaa Irra Miidhaa Geessisan

Torban dabre, Yunivarsitii Adigiraat keessatti baataan tokko du’uu dhaa booda, barattoonni dhiheessiin bishanii hanqachuu isaa mormuudhaan, fincilanii qabeenyaa Yunivarsitichaa irra miidhaa guddaa geessisuu isaanii barattoonni, barsiisonnii fi hojjetoonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Barattoonni Adigiraat Yunivarsitii tokko tokko gaaffiileen kaasan – jedha – gabaasaan keenya – Girmaay Gabruu, irra-guddaa hanqina bishaanii mooraa sana keessatti uumame waliin kan hidhaqa qabu ta’uu, barattoonni, barsiisonnii fi hojjetoonni dubbatanii jiran.

Torban dabre keessa, fincila barattoonni kaasaniin, qabeenyaa Yunivarsitichaa irra miidhaan ga’uun isaas ibsamee jira. Kanneen akka maqaan isaanii ifatti hin himamne gaafatan – hojjetoonni Yunivarsitichaa akka jedhanitti, rakkoon hanqina bishaanii waggaoota shananii fi jahan dabran irraa kaasee mooraa sana keessatti hammaataa dhufe. Dhimmi isaa gamaaggamame iyyuu, namoonni gamaaggamaman irratti tarkaanfiin fudhatame hin jiru – jedhan – hojjetoonni Yunivarsitichaa.

Barataan Baayoo-keemikaal tokko du’uu isaa kan ibsan – barattoonnii fi hojjetoonni Yunivarsiti Adigiraat, du’i isaa mormii barattootaa waliin akka hidhata hin qabne dubbatan – jedha – gabaasaan keenya – Girmaay Gabruu. Waa’ee mormii barattootaa, aangawoota moormichaa haasofiisuuf deddeebisee carraaqe iyyuu akka itti hin milkaa’iin dubbata. Itti-gaafatamaa Sab-quunnamtii Yunivarsitichaa – Obbo Yohaannis jedhaman, beellama kennaniifii, garuu beelllamichatti argamuu dhabuu dubbata. Prezidaantii Gamtaa Barattootaa - barattuu Fireyaat Meressaa, haasofsiisee, ennaa deebistu, “dhugumatti, barataan du’e ni jira. Garuu, barataan du’e sun rakkoo ka’e sana wajjiin kan wal-qabate miti. Barataan sun dhukkubsachuun isaa nuuf bilbilamee, gara doormii deemnee Ambulaansiidhaan gara hospitaalaa geessine. Sana duras akka dhukkubsataa ture, akka rakkoo baay’ee qabuu fi kutaa galateellee akka hin baranne, ijoolleen kutaa isaa fi doormii isaa nutti himanii jiran. Hatattamaan qabannee gara hospitaalaa deemnee turre. Garuu, lubbuun isaa ooluu hin dandeenye.” Jette.

Achii booda, miseensa Gamtaa barattootaa tokko wajjiin, reeffa isaa gara warra isaatti geggeessuu isaanii, gabaasaa keenyatti himte – prezidaantiin Gamtaa barattootaa Yunivarsitii Adigiraat – Freyaati Meresaa.

Waa’ee mormii barattootaa ilaalchisee ennaa dubbatu immoo, “barattoonni sun xiqqoo baay’ina qabu turan. Rakkoo bishaanii irraa kan ka’e gaaffii kaasanii turan. Gaaffiin sun gara wanna hin barbaadamneetti deeme. Garuu, bulchiinsi Yunivarsitichaa fi qaamni bakka sana jiru itti bobba’e, akka dhimmi isaa tasgabbaa’uu taasisamee jira.” Jette.

Akka ka’insa mormii sanaatti, miidhaan guddaan qabeenyaa mooraa sanaa irra akka ga’uuf ture ka dubbatte – Prezidaantiin Gamtaa barattootaa, amma garuu to’achuun waan danda’ameef, daawwitii balbaloota Kaafteriyaa tu caccaccabe. Kan mana kitaabaas haga tokko caccabee jira – jetti. Garuu, barataan hidhame jiraachuu waanan beeku hin qabu. Silaa barataan hidhame ta’ee yeroodhuma sana beekama ture – jetti.

Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Adigiraat Yunivarsitii Keessatti Torban Dabre Du’uu Batataa Tokkoo tii booda, Barattoonni Mormii Kaasanii Qabeenyaa Irra Miidhaa Geessisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:38 0:00

XS
SM
MD
LG