Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afriikaa Rakkoo Liibiyaa Furuuf Hojjetaa Jira: Komishina Nagaa fi Nageenya Gamtichaa


Gamtaan Afriikaa Rakkoo Liibiyaa Furuuf Hojjetaa Jira: Komishina Nagaa fi Nageenya Gamtichaa
Gamtaan Afriikaa Rakkoo Liibiyaa Furuuf Hojjetaa Jira: Komishina Nagaa fi Nageenya Gamtichaa

Komiishinerri komiishina nagaa fi nageenya gamtaa Afriikaa Ambaasaaddor Ismaael Chiruguwii waajjira haadhoo gamtichaatti tuuta oduuf ibsa kennaniin haalli Liibiyaa kan yeroo ammaa mara keenyaaf yaaddoo guddaa dha jedhan.

Kan yaaddessaa ta’es adeemsi siyaasaa fi kan araaraa dhaabachuu isaa qofaa miti jedhan. kan haala jiru daran hammeessu ka biroon illee jira jedhu komishiner Chiruguwii.

Mootummaan Liibiyaa kan yeroo ammaa tajaajila bu’uuraa uummataaf oolu kennuu hin dandeenye. Amma ennaa nuti dubbataa jirru kanatti illee Liibiyaa keessa rakkoo humna elektrikiitu jira. Tajaajilli fayyaaf kanneen biroon hin jiran. Kun haala jiru kan hammeessuuf yaada furmaataa dhiyaatu illee kan dadhabsiisu jedhan.

Komiishinerichi akka dubbatanitti gamtaan Afriikaa rakkoo Liibiyaa furuuf hojii adda addaa hojjetaa jira. Hoogganoonni Ardittii koree ol aanaa dhimma Libiyaa hundeessaniiru. Koreen sunis murtii hanga tokko dabarsee jira. Dursees mootummaa Liibiyaaf mana maree bakka bu’ootaa dabalatee qaamni dhimmi ilaallatu martinuu rakkoo jiru furuuf akka wal ta’an waamicha dabarsinee jirra jechuu dhaan Ambaasaadder Chiru Guwii beeksisaniiru.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffdhaa​

Gamtaan Afriikaa Rakkoo Liibiyaa Furuuf Hojjetaa Jira: Komishina Nagaa fi Nageenya Gamtichaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:14 0:00

XS
SM
MD
LG