Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Mana Hidhaa Keessatti Dhisanii Ba’u Mannaa,achuuma Keessa Turanii Wal Jajjabeessuu Wayya.Darajjee Margaa Dabaloo


Namoota dhuma torban darbee mana hidhaa gadhiifaman keessaa ligii dargaggoota KFO keessatti itti gaafatamaa damee ijaarsaa fi siyaasaa kan ta’e Obbo Darajjee Margaa tokko ture.

Bara 2006 hanga bara 2008 tti KFO keessa hojjataa ituu jiruu Finfinnee keessaa kan qabame Darajjee Margaa Dabaloo barsiisaa ta’uun hojjataa ture.

Jalqaba galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo irratti kanneen himataman namoota 22 keessaa yoo ta’u hunduu irraa jala kan gadhiifaman ta’uus inni garu himata galmee wal fakkaataan hidhaan waggaa afurii irratti murame.

Boodas gubachuu mana hidhaa Qilinxoo waliin wal qabatee kanneen himataman keessaa tokko kan ta’e Darajjeen himatii irraa kan cite ta’uus kanneen hin gadhiifamin turan keessaa tokko ture.

Dhuma torban darbee garu qofaa isaa gadhiifame.Amma iyyu hiamtii irraa cite ykn dhiifamnii godhameefii galmee tokko irraa kan nu biraa hafan jiru jedha.​

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa

Namoota Mana Hidhaa Keessatti Dhisanii Ba’u Mannaa,achuuma Keessa Turanii Wal Jajjabeessuu Wayya.Darajjee Margaa Dabaloo
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:47 0:00

XS
SM
MD
LG