Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Qellem Wallaggaa Irraa Namoonni Buqqa’an Qe’ee Isaaniitti Deebi’uu Danda’u: Bulchiinsa Sadii Canqaa


Faayilii - Poolisoota Oromiyaa
Faayilii - Poolisoota Oromiyaa

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaa bara 1977 kaaba biyyattii irraa dhufanii Godina Qellem wallaggaa aanaa Sadii Canqaa gandeen addaa addaa keessa lammmiiwwan qubatanii jiran hiraarfamni waan nu irratti raawwatameef qe’ee fi qabeenya keenya dhiisnee bakka irraa dhunetti deebi’uuf dirqamne jedhu. Kanneen bakkuma qubatanii jiran hangi tokko immoo nagaa dhaan jiraataa akka jiran nuuf ibsaniiru. Bulchiinsi naannoos muuddama kana dura ture irraan kan ka’e namoonni sodaatanii deeman jiru. Dirqisiisee kan isaan ari’e hin jiru jedha.

cBulchiinsi Sadii Canqaa obbo Taammenee Haayiluu akka jedhanitti namoonni qe’ee isaanii dhiisanii ba’an ilaalchisuun jaarsolii biyyaa fi abboota amantii waliin mariin geggeessamee akka deebi’aniif yaalii guddaan godhameera jedhan.

Midhaan isaanii deebi’uun akka makaratan itti himneerra jechuu dhaan qabeenyaan isaanii akkuma jiruti jira, eegamaafii jira jedhan.

Kanneen ganda sana keessa qubatanii jiraniif Walloo irraa dhufan nuti haasofsiisne nagaa dhaan jiraataa akka jiran dubbatu.

XS
SM
MD
LG