Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bidiruun Bosaasoorraa Yemenitti Deemtu Garagadhaan Yoo xiqqaate 56 Nyaatamanii 16 Achi-buuteen Dhabame


Bidiruun yokaan yaballi godaantota 100 fe’attee Bosaasoo irraa kaatee gara Yemenitti imalaa turte, handaara Yemenitti bishaan seentee nyaatamuu irraa kan ka’e, namoonni 56 nyaatamuu fi yoo xiqqaate 15 achi-buuteen isaanii dhabamuun gabaasamee jira.

Dhaabbatni Godaantotaa ka sadarkaa Addunyaa – IOM, maddeen oduuf akka ibsanitti, Bidiruun yokaan Yaballi nyaatamte sun dhiirota 83 fi dubartoota 13 fe’attee, Kibxata dabre Bosaasoo irraa ka’uudhaan gara Yemenitti imaluu eegalte.

Waajira IOM, ka Yemen jirutti, Itti-gaafatamaa Quunnatii Miidiyaa yokaan Sabaa-himaa ka tahan – Liyoonaard Dooyil telefoonaan haasofsiisee ennaa ibsan, “Hojjetoonni IOM naannoo balaan sun itti uumame, handaara Yemenitti waamaman haala baay’ee gaddisiisaa ta’e aragan. Yoo xiqqaate namoota 56 tu haala gaddisiisaan bishaaniin nnyaatame. 16 immoo achi-buutee isaanii tu dhabame. Godaantonni kun, Somaaliyaa irraa ka’anii Yemen dhaqqabuuf imalaa turan” jedhan.

Namoonni balaa kana irraa lubbuun hafan yoo jiru tahe gaafadhee akkana naan jedhan – Itti-gaafatamaan Dhimma Komiyunikeeshinii IOM – Liyoonard Dooyil akkana jedhan. “Namoonni lubbuun hafan baay’ee xiqqoo dha. Namoonni lubbuun hafan kun akka nutti himanitti, yabala sana keessa jaaketiin lubbuu baraarsaa hin jiru. Danbaalii galaanichaa qilleensaan raafamu baay’ee hamaa ture. Imaltoonni irra turan baay’ee shororkaawan. Achii booda, bidiruun yokaan yaballi sun garagale. Kun tahuu isaaf sababaan, bidiruun humna ishee tii ol kan namaan guutte ture. Namoonni seeraa ala godaantota deddeebisan sun lubbuu godaanta sanaaf dhimma hin qaban,” jechuun haala gaddisiisaa kana ibsanii jiru – Mr. Dooyil.

Namoonni lubbuun hafan, harka aangawoota Yemenitti qabamanii ka wal’aansa argataa jiran tanuu dubbatan. Reeffanni haga ammaatti argamanis achumatti awwaalaman – jedhu.

Rakkoon sun kun ka deddeebi’ee mul’ate tahuu isaa dubbatanii jiran – Itti-gaafamaan dhimmoota Koominikeeshinii IOM – Liyoonaard Dooyil.

“Rakkoon isaa, balaan kun ka yeroo mara uumamu tahe iyyuu, Qaamni rakkoo kanaaf ilaalcha kenne hin jiru. Miidiyaaleen Addunyaa, rakkoo Awurooppaa keessatti uumametti fuuleffatan. Garuu, Galoo Galaana Eden keessa, rakkoodhuma akka sanaa tu jira. Baay’inni baqattoota rakkatanii as jirus akkuma sanaa ti. Baatii tokko keessatti, baqattoota gara kuma toorbaa tu Yemen seena. Bara dabre keessa ka Yemen seene kuma dhibba tokko. Baay’een isaanii, ala-bultoota yokaan shiftoota biyya kanaa, baqattoota kana qabatanii maallaqa ittiin argachuu barbaadaniin miidhaan guddaan irratti raaw’atama. Dararaan guddaan irra gaha. Namni dhimma isaanii qabu hin jira. Gargaarsi namoomaa isaan dhaqqabu baay’ee xiqqoo dha. Baqattoota haala baay’ee hamaa keessa jiran gara dhibba sadii gara biyya isaaniitti deebisuuf hojjechaa jirra. Gara Jabutiitti eega geessinee booda, achi irraa gara biyya isaaniitti geessamu.” Jedhu. Dhaggeeffatoota keenyaa, waa’ee baqattoota Kibxata dabre jedhaman kanaa, baqattoota magaalaa Bosaasoo jiraatanii fi waa’ee balaa kanaa quba qabna – jedhan keessaa – Obbo Mohammad Sheekaatti bilbillee dubbisnee turre.

Guutummaa gabaasaa keenyaa dhaggeeffadhaa

Bidiruun Bosaasoorraa Yemenitti Deemtu Garagadhaan Yoo xiqqaate 56 Nyaatamanii 16 Achi-buuteen Dhabame
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:50 0:00

XS
SM
MD
LG